Bitootessa 08,2013 Finfinnee
Mattuu fi Miizaan Teeppii: Bitootessaa 5,2013 Bakkaa Bu’oonnii Qeerroo Bilisummaa Oromoo Yuunivarsiilee Jimmaa, Mattuu, Miizaan Teeppii,Haromaayaa,Finifnnee,Naqamtee fi Dirree Daawwaa akkasumas fi Sabboontotni Oromoo Godina Jimmaa, Iluu Abbaa Booraa Madheewwaan: Badhaadhummaa Oromiyaaf, biyyaa ofiif,Mootota Shanaan Gibee,Tokkummaa Ummataa,Hayyuu Biyyaa, Gumaa Baas Jaal Laggasaa Wagii, Oromiyaa Bu’uraa Biyyaa fi Imaltuu jedhaman jalatti hundeeffaaman Hangafti Qabsoo Bilisummaa Oromoo Jaal Jaarraa Abbaa Gadaa Addunyaa Kanaa irraa boqochuu gaddaa
guddaa nutti dhagaa’ame Ibsina jechuun ibsoota isaaniin gara qindeessitoota Qeerrootti erganiin nu dhaqabe addeessa.
Gaddooti qindeessitoota hojii warraaqsaa irraa karaa adda addaa ergame kun cuunfaatti yaadoti of keessaa qaban keessaa:-1. Jaal Jaarraa Abbaa Gadaa biyyeen isatti haa salphatu, boqochuu gootichaa hogganaa ol aanaa Qabsoo bilisummaa Oromoo Jaal Jaarraa Abbaa Gadaaf Gaddaa Guddaa baay’ee gadi fagoo ta’ee nuti dhagahaame ibsanna.
2, Ummataa Oromoo, Sabboontotaa Oromoo, WBO fi Hoggaantootaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo, Maatii fi Firottaan Jaal Jaarraa Abbaa Gadaa Hundaaf rabbii Obsaa guddaa haa kennu jechaa ammas gaddaa guddaa nuti dhagahame ibsuu barbanna.
3. Egaa Gootni fi hoggaanaan qabsoo Bilisummaa Oromoo seenaa midhagaa qabuu kun dadhaabee, beelaa’ee dheeboodhee rakkaadhee utuu hin jedhiin Umrii ijoolluummaa isaa irraa egaluun dhugaa saba keenyaa jalaa sarbamee fi bilisummaa Saba keenyaa irraa mulqameef qabsoo hadhawaa gaggeessaa bara jireenyaa isaa guutuu qabsaa’aa haqaa kan tokkummaa Ummataa Oromoo ittichaa ture ta’uu seenaan isaa ni ibsa, Kanaaf nutis Saboontotni, Bakka Bu’onnii Qeerroo Baratootni Oromoo Yuunivarsitilee aadda addaa Gaddaa nuti dhagaa’amee jiruu ibsanna jechuun dhaamsa dabarfataniin beeksisanii jiru.
Qabsaawaan ni kufa! Qabsoon Itti Fufa!
Kaayyoof qabsoo jaal Jaarraa abba gadaa ni mirkaneessina!!
ANIS GAMAKIYYAN JAALA JARRA A/GADAA DU’AAN BOQOCHU ISANITIN GADA GUDDATU NATI DHAGAHAMA!
gootichi oromoo jaal jaarraa abbaa gadaa du’aan boqochuu isaatti gadda natti dhagahame maqaa kiyyaaf ummata naannoo kootin dabarfachuun barbaada.