Bitooteessa 05,013 Gabaasa Qeerroo Lixa Shawaa
Yaadannoo gooticha barataa Oromoo Wandimmuu Dammanaa Bitooteessaa 3/2009 Barataa Wandimmuu Dammanaa Barataa Mana Barumsaa Geedoo sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inatti Kutaa 11ffaa utuu barachaa jiruu sirna mootummaa Habashaa warri leellisanii fi farruummaa ykn tuffii uumata Oromoof qaban yeroo sanitti bareeffaama Oromummaan Oromoo arrabsuu barreessuun M/B Geedoo keessaattii barreessuun Bitootessa 1,2009 facaasan,wayitumaa kana Gototni Baratootaa Oromoo Mana Barumsaa Geedoo, Midaa Qanyii fi Iluu Galaan FDG kaachiisuun Warraaqsaa gaggeessuun sirna abbaa irree balaaleffaachuun diddaa guddaan gaggeeffaamaa ture, boodaarraa kan Qonnaan bultotaa fi Ummataa Oromoo Onotaa Sadaan hirmaachiisuu ta’e. Yeroo kana egaa gootichi barataan Oromoo barataa Wandimmuu Dammanaa rasaasa loltotaa Wayyaanee FDG gaggeeffaamaa jiru dura dhaabbaachuuf ba’an irraa itti dhukaafamee lubbuun isaa darbee Wareegama seenaa qabeessaa kan barabaraan Seenaan dagachuu hin dandeenyee kanfalee qabsoo walabummaa Oromoof wareegama kambajaa qabuun Bitootessa 03, bara 2009 aarsaa kafle.
Wandimmuun Wareegamullee bara baran Biteetessaa 3 Ummataa Oromoo fi baratootaa OROMOO biratti ni yaadatamaa, Yadannoo isaa kanas kaayyoo dhugaa goototni Oromoo Wareegamaa Qaaqqaalii Bilisummaa Saba isaaniif kanfalaa har’aa ga’aan jabeessuun gaggeessuun kan yaadatamuu ta’ee jira.
Halumaa Kanaan Bitootessaa 3,2013 Godinaa Lixaa Shawaa Anotaa Calliyaa Geedoo, Midaa Qaanyii bakkaa dhalotaa gootichaa barataa Oromoo Wandimmuu Dammanaa fi Iluu Galaan Ijaajjii Uummataa Oromoo fi Manneen barnotaa Sadarkaa 1ffaa hangaa Sadarkaa 2ffaa aanotaa sadaan kana keessaatti argaman keessaatti yadaannoon guddaan godhame jira.
Guyyaan dilbata waan ta’eef Baratootni M/B Sadarka 2ffaa fi qopha’inaa Geedoo, Midaa Qanyii Fi Iluu Galanaa Guyyaa har’a Bitoteessaa 4/2013 haala nama gammachiisuun yaadatanii Olaan.
Kana malees naannoo Geedoo,Calliyaa,Midaaqeny barnoota lagachuun guyyaa har’aa bitootessa 04/2013 mormii jabaa dhageessisan.Bitootessa 03/2013 galgala magaala Geedoo,Calliyaa fi Midaaqeny akkasumas Gudar keessatti waraaqaaleen dhaadannoo
1. Gumaa obbolaawwan keenyaa ni baasna
2. Biyyaaf wareegamuun hunda keenya irraa eegama
3. Qeerroo ka’i
4. ABO ilmaan Oromoo bilisa baasa
5. Mootummaan wayyaanee abbaa irreedha
6. Qeerroo jabaadhaa!
7. Garboomfataan ni kufa
8. Bilisummaan ni dhufa
9. Wayyaanee du’i
10. Wandimmuu Daammanaa hin duune seenaan isa yaadata
11. Barataa hanga duunu maaliif teenya
Kanneen jedhan manneen barnootaa fi magaallan keessatti hedduumminaan qalama diimaa magariisa diimaan kanneen barraa’an hedduumminaan maxxanfamanii jiran.Mootummaan wayyaanee gocha qeerroo oromoon kan baarage waraana hedduumminaan naannoo kanatti magaala Amboo fi Finfinnee irraa kan bobbaase yoommuu tahu diddaan daran jabaatee jira.Ilmaan Oromoo marti yuunivarsiitii keessatti arii’amuun,ajjeeffamuun barattoota Oromoo haa dhaabbatu jechuun Qeerroon lixa Shawaa dhaamsa dabarsanii jiran.
Qabsoon itti fufa! Gabroomsaan ni kufa!