Godina Shawaa Lixaa Keessaatti Diddaan Qeerroo Itti Fufe

Bitootessa 3,2013 Gabaasa Qeerroo Ambo

a (1)Godina Shawaa Lixaa Keessaatti Diddaan Qeerroo Itti Fufuun Barruun Warraaqsaa Waamicha Qabsoo Qabu Hedduminaan Faca’uu Qeerroon aanicha irraa gabaase. Bitootessa  2/2013 Godina lixaa Shawaa Aanaotaa Akka Calliyaa Geedoo, Iluu Galaan Ijaajjii fi Midaa Qanyii Ballaammii Keessaattii waraqaleen fincilaa diddaa garbrummaa mata duree dhadhannoo adda addaa qabu bali’naan bittinfamuu Qerroon gabaase.

Kana amlees Guyyaa har’aa Bitotessa 3/2013 M/B Geedoo Sadarkaa 2ffaa Fi Qophaa’inaa, M/B Ballaammii Sadarkaa 2FFaa fi Qophaa’inaa, M/B Ijaajjii Sadarkaa 2ffaa fi qophaa’ina kanneen jedhaman humna waraanaa fi poolisaan egaamaa Olaan.

Barruun Qeerroo baratootrni Oromoo Yuunivarsiitii garaagaraa keessaattuu Yuunivarsitii Finfinnee irraa kabaja Oromummaa Isaaniif waan dubbataniif barnotaa irraa arii’amaa jiran atattaamaan gara barnootaa isaanitti akka deebi’aan jedhuu fi warreen ijoollee Oromoo barnotaa irraa arii’aachaa jiraan seeraattii akka dhiyaataan jedhuu godina lixaa shaawaa keessaattii dhabbiilee barmotaa fi ummataaf rabsamaa jira.

 

Leave a comment