Qonnaan Bultooti Oromoo Ona Sulultaa Abbummaa Dachii Isaanii Tikfachuuf Jecha Diddaa Kaasan

Bitootessa 03,2013 Gabaasa Qerroo Finfinnee

Oromian resistanceBitootessa 02,2013 kaleessa gabaasaa godina addaa naannoo Finfinnee ona Sulultaa irraa addeessuun armaan dura xaa’oo fudhattanii lafa qabdan irratti oomisha gahaa kan hin gaggeesine yoo tahe lafti keessan isin irraa fuudhamee abbaa qabeenyaatti laatama jedhanii mootummaan murtoo baaseen raggaasisee dhuguma namoota lafa isaanii qotachuu hin dandeenye irraa lafa fuudhee namoota qabeenyaa qaban lafa sana irratti oomisha garagaraa oomishuu danda’utti kennamee jira,kana irran kan ka’es ijoolleen namootni lafti isaanii irara fuudhamee jiru baayeen isaanii rakkinaaf saaxila bahanii magaalaa Finfinnee keessaa daandii cinatti galuudhaan jireenya gaddisiisaa jiraachaa jiraachuun isaanii kan ifaa tahe; kanaan kan wal qabate qote bultoonni fi barattootni ona Sulultaa irraa gaaffii kaasan lafti uummata irraa fuudhamee ormaaf kenname kun amma irraa haa deebi’u jedhuun gaaffii kaasanii fi dhaadannoon adda addaa maxxanfamee mul’achuu irraan har’a milishoota gandaatiin uummanni yaada kana maddisiisee fi barataa waan kanaf adda duree ta’e saaxiluuf uummata onichaa walgayii teessisanii turan,wal gayiin kunis tokkummaa uummataa fi barattootaan diigamee hidhattootni Wayyaanee dhimma kanaaf achitti argaman uummataan ariyamanii lubbuudhaan akka bahantu gabaasaan isaa nu gahe addeessa. Ammas kaayyoon keenya tokkummaan mirga keenya falmachuudha jedhuun waraqaan barreeffamuun bittimfamee jira galgala kana. Qeerroon ona kanaa ka’umsi tokkummaa keenya hin dhaabbatu itti fufa jedha!!

Leave a comment