Bitootessa 03,2012 Gimbii
Mootummaan Wayyaanee sabaa fi sablammiiwwan Impaayera biyyattii keessaa walitti buusuun bittaa umrii isaa dheereffachaa fi har’as dheereffachuuf qabsoo jabaatti jiraachuun beekamaa dha. Gaaafa Bitootessa 1,2013 Godina Wallagga lixaa aanaa Manasiibuu bakka laga Wagee,Guunfii fi laga warqee jedhamutti ilmaan Oromoo fi uummata Beenishaangul Gumuz walitti buusuun lubbuun ilmaan Oromoo 10 akka badu taasisuun hedduun ammoo akka madaa’an taasisee jira.
Yeroodhaa gara yerootti tokkummaan uummata biyyattii keessaa yaaddoo guddaa gaaffii mirgaa kaasuu waan itti taheef walitti buusuunshira guddaa taphachaa jira.Yeroo ammaa kanatti tokkummaan uummata biyyattii mootummaa abbaa irree Wayyaaneetti yaaddoo tahuun walitti buusuun tokkummaa isaanii diiguu fi wal ajjeesisaa jiru ilmaan Oromoo fi uummata Beenishaangul Gumuz walitti buusuun dhiigni Oromoo akka dhangala’u taasisee jira.Namoota ajjeefaman keessaa Obbo Tamasgeen Bulaa yoommuu keessatti argamu Obbo Waggaarii Tarfaa kan jedhamu ammoo baay’ee madaa’uun mana yaalaa keessatti argama.Mootummaan wayyaanee yeroodhaa gara yerootti tokkummaa ilmaan Oromoo fi uummata biyyattii diigaa waan jiruuf uummatni Impaayera biyyattii keessaa aadaa bareen tokkummaan akka jiraatu qeerroon dhaamsa jabaa dabarfata.