Barattooti Oromoo Birmatnaa Barbaadu!!
Gabaasa Qeerroo Bitootessa 1,2013 Amboo
Barattootni Oromoo gaaffii mirga bilisummaa kaasaniif mootummaan Wayyaanee hidhaa,ajjeechaa fi barnoota irraa arii’uun dura dhaabbachaa kan turee fi itti jiru barattoota Oromoo yuunivarsiitii Finfinnee kiiloo 4 barnoota irraa arii’uun yakka hiriyyaa hin qabne ummata Oromoo irratti dalaguu dha jechuun barattooti Oromoo Ammboo dura dhaabbachuu isaanii yeroo beeksisanitti tuffii abbaa irrummaa muldhisuuf jecha ammoos barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Amboo barnoota irraa arihaman.
Barattootni Oromoo gaaffii mirgaa gaafatan keessatti Qeerroon Yuuniversitii Finfinnee kiiloo 4 irraa arhaman hatattamaan barnootatti haadeebi’an mootummaan Wayyaanee garboomfataa waan taheef sirni bulchinsa isaa haa jijjiiramu,Manneen barnootaa bakka basaastotnii fi poolisootni federaalaa Wayyaanee seenuun ilmaan Oromoo doorsisan osoo hin tahiin bakka barnootaatti jechuun kan gaafatan
Wayyaaneen gaaffii barattooti Oromoo gaafatan kana kallattiin deebisuu hanqachuu irraan duubbee keessaan about jira jechuun har’a Bitootessa 1,2013 barattoota Oromoo barnoota irraa ariitee jirti.Barattootni arii’amuun yeroo ammaa nyaata,Barnootaa fi doormii dhorkamuun akka hin galmoofne godhaman keessaa:-
1. Barataa Lataa Amante
2. Barata Gizaw Daadhii
3. Barataa Laggasaa Tamasgeen
4. Barataa Amanuu Waamii
5. Barataa Haayilee Araarsaa
6. Barattuu Dinqee Caalii
7. Barataa Takkaaleny Girrum
8. Barataa Didhaa Gaarii
9. Barataa Haayiluu Dheeressaa
10. Barataa Balaay Ittafaa
11. Barataa Kabbadaa Raggaasaa
12. Barataa Andualem W/Gebreel
13. Barataa Gaaddisaa Tasfaayee
14. Barataa Daani’el Fufaa
15. Barattuu Meskerem Baayisaa
16. Barattuu Baatiree
17. Barattuu Biruktee
18. Barataa Gazzuu
19. Barataa Tsaggaayee
Jedhaman yeroo ammaa saayinsii fayyaa keessaa isin mootummaa irratti fincila kaasaa jirtan duubaan qeerrootu isin qindeessa jechuun barnoota irraa dhorkamanii jiran.Mootummaan wayyaanee yeroodhaa gara yerootti dhiibbaa daangaa hin qabne ilmaan Oromoo irraan geessisus guyyaan bilisummaa wareegama barbaachisaa qeerroon kaffaluun akka mirkanaa’u qeerroon diinaa fi firaaf dhaamee jira.
Pingback: Sababaa Gaaffii Mirga Oromoo Kaasaniif Jecha Barattooti Oromoo 19 Yuuniversitii Amboo Irraa Hari’aman | Oromo Freedom News and Views