Bitootessa 1,2013 Haromayaa
Mootummaan EPRDF Wayyaanee diddaa qotee bultootni aanaa Haramaayaa mootummaa wayyaanee irratti kaasan dura dhaabbachuuf qotee bultoota mana hidhaatti ukkaamsuun qarshii 500.00dhaan adabuun reebichaan miidhaa garaa garaa irraan gahaa jiraachuu qeerroon gabaase.
Mootummaan Wayyaanee gaaffii mirgaa hidhaa fi saaminsaan kan dura dhaabbatu aanaa Haramaayaa ganda Xinniqqee araddaa Gooroo Jiddaa keessaa qotee bultoota Oromoo
1. Usmaan Abdullaah qotee bulaa Araddaa Gooroo Jiddaa
2. Iskandir Mohaammed reebamee jira
3. Ibroo Abdurhamaan Muummee
Jedhaman mana hidhaatti ukkaamsitee qarshii 500n erga adabdee booda isintu qotee bultoota kakaasa,Isin miseensota ABOti,ABO beektu nyaachistu baasaa jechuun reebuu irratti argamu.Qotee bultootni kunneen ABO yoo argines inuma nyaachisna,ABOn Oromoof kan dhaabbatudha jechuun mana hidhaa keessa taa’uun kutannaa diina abdii kutachiisu dubbatanii jiran.Basaastotni wayyaanee ganda kanaa Taajuddiin Abbaasee fi Zaakkoo Saalii jedhaman uummataan kan lagataman yoommuu tahu hojii farrummaa QBO irraa hatattamaan hin dhaabbatan taanaan qabeenyii fi lubbuun isaanii akka baddu qotee bultootni araddaa kanaa dhaammatanii jiran.