Gurraandhala 26,2013 Asoossaa
Diddaan barattoota Oromoo Yuunivarsiitiilee,Koollejjii fi manneen barnootaa gad aanaa keessatti hidhaa fi ajjeechaa mootummaa wayyaaneen kan hin jilbeeffachiifamne itti fufuun barattootni Oromoo fi barattootni hiree wal fakkaataan Imaapera biyyattii keessatti isaan mudate Yuunivarsiitii Asoosaa keessatti nyaata lagatan.Mootummaan Wayyaanee yeroodhaa gara yerootti gaaffiiwwan mirgaa kan bilisummaa barattootaan gaafatamuuf bakka kennuu dhabuun gaaffii dabalataa uumuun barattootni mooraa Yuunivarsiitii Asoosaa kun gaaffiin nuyi gaafannu hanga guutummaan nuuf deebiutti jechuun lagannaa nyaataa taasisanii jiran.
Wayyaaneen gaaffiiwwan mirgaa gaafatamu kallattiin furmaata godhchuu haqachuu irraan hidhaa fi ajjeechaan barnoota irraa ariiuun akka dhaabbatu gaafatan siyaasa gaggeessitu,deeggartoota ABOti jechuun Yuunivarsiitii Finfinnee fi Amboo keessatti barnoota irraa ariiamuu tuquun ni dandayama. Yeroo ammaa kanatti Yuuniversitii Asoosaa keessatti gaaffiin ka’ee jiru,mirgi sabootaa eegamuu hanqachuu fi barattoonni wayita mana barumsaa jiranitti qabeenyii fi lafti maatii isaanii ammoo bakka dhaloota isaanii irraa waan saamamaa jiruuf yeroo boqonnaa isaanii bakkatti galan dhabuu irraan diddaa jabaa mootummaa Wayyaanee irratti kaasuu isaati. Gaaffiilee mirgaa gaafatame kanaan wal qabsiisee mootummaan kun waan isin gaafataa jirtan gaaffii ABO iti deeggartoota ABOti wayita jedhamanitti diddaa itti fufuun lagannaa nyaataa taasisanii jiran.
Wayyaaneen barattootni nyaata lagachuun kan kae baajata nyaataa baes gurguruun basaasaa fi federaalota dhibbaan naqee barattoota doorsisuu irratti argama.Mootummaan Wayyaanee doorsisaan gaaffii mirgaa akka dhaabuu hin dandeenyes qeerroon Yuunivarsiitii Asoosaa addeessee jira.
Qabsoon Itti Fufa! Gabrummaan ni kufa!!