Shamarran Oromoo Yuuniversitii Adda Addaa Irraa Walitti Dhufan Qooda Qabsoo Daran Jabeessuuf Jecha Ejjennoo Fudhatan

Gurraandhala 22,2013 Sulultaa

Gabaasaa Godina Addaa naannoo Finfinnee Ona Sulultaa irraa gabaasi Qeerroo  Guraandhala 20 akka addeessutti shamarran Oromoo qooda qabsoo bilisummaa Oromoo bahuu fi sochii Qeerroo daran cimsuuf jecha bakkoota adda addaa irraa walitti dhufuun bifa haalaan gammachiisaan walgahii godhachuun murtii fudhatan.

Shamarran Oromoo bakkoota adda addaa irraa walitti dhufuun ola sulultaa keessatti wal gahan kun irra guddaan isaanii kanneen ammaan dura Yuniversitiilee adda addaa keessatti sochii barattooti Oromoo godhan keessatti qooda guddaa warra fudhataaa turani dha.

Qindeessituun Shamarran Oromoo kanaa yeroo haasaa gootu keessatti qoodi dubartooti Oromoo qabsoo keessatti yeroo dheeraan dura kennaa turanii fi amma illee gumaacha qabsoof jecha wareeega kafalaa jiran gahaatti ibsuun seenaa jaallan wareegamanii kaasuun hirmaatota walgahicha irratti argaman booyichaan akka jaalala qabsoof qaban baafatan ta’ee jira.

Haala kanaan shamarran kun sochii qabsoo qeerroon deemaa jiru jabeessuuf jecha gumaacha maallaqaa gahaa gochuun qindeesitoota Qeerroof akka galchan gabaasi naannicha irraa nu gahe addeessa

Kana malees maadhee Utubaa Oromiyaa jedhamu jalatti of ijaaruudhaan shamarran lakkoofsaan nama 12 tahan,isaan keessaas barattoota yuuniversitii adda addaa irraa boqonnaaf galan,hojjettoota mootummaa fi hojjettoota dhuunfaa akka tahan gabaasaan isaan irraa nu gahe dabalee addeessa.

Dhuma irrattis ibsoota armaa gadii buufachuun teessuma milkiin xumuratan.

  1. Nuti Shamarran Kaayyoo keenyatti cichinee qabsoo bilisummaa Oromoo galmaan gahuuf tokkoomnee kaanee jirra.
  2. Qabsoo qindoomina qabuu fi ijaarsa tokkummaatiin uummata keenya waliin  sirna nama nyaataa Wayyaanee  dura dhaabachuun mirga Oromoo kabachiisuuf qophii dha.
  3. Gaachana saba Oromoo WBO cinatti of ijaarree hanga dirree qabsootti deemuuf haalaan kan hin daangeffamneen  murtoon keenya ibsanna
  4. Sochii Qeerroo Bilisummaa Oromoo naannoo Oromiyaa hunda keessatti wal gurmeessinee qindeessuu irratti gumaacha barbaachisu ni kafalla.
  5. Waan qabnuun qabsoo bilisummaa Oromootti hirmaachuun waadaa keenyaa cimsanna

Jedhuun ibsa ejjennoo isaanii lafa keeyatani jiru.

Leave a comment