(Qeerroo, Hawaasaa, 22 Guraandhala 2013) Mootummaan Wayyaanee sabooti biyyattii, keessaayyuu kanneen akka saba Sidaamaa fa’aa irratti daba olaanaa wayita raawwachaa jirutti, Qeerroon saboota kunneenii immoo imaanaa abbootii isaanii harkaa fuudhan eeggachaa, qabsoo diddaa isaanii ittii fufanii akka jiran beekame.
Keessaayyuu Qeerroon Sidaamaa Qeerroo Oromoo waliin walta’uun roorroo wayyaanee ofirraa faccisaa kan jiran yoo ta’u, gamtaa Qeerroolee kunneenii cabsuuf shiraa fi daba karaa addaddaa wayyaanee dhaan irratti raawwatamaa jiru jabinaan ofirraa ittisaa jiran.
Gabaasaan Qeerroo akka Hawaasaa keessa naanna’ee Qeerroo SIadaamaa gaafatee huabchiisetti, Qeerroon Sidaamaa akkuma abbootii isaaniitti mirga biyyaa fi saba isaanii tiksuuf kutatanii hojjachaa jiran.
Dhiyeenya kana illee Qeerroo Sidaamaa keessaa garii isaanii himannaa sobaatiin murtii dabaa itti murteessitee akka jirtu kan yaadatamuu dha.
Qeerroon Sidaamaa garuu diddaa isaanii karaa hundaan itti fufanii kan jiran yoo ta’u, aadaa Sidaamaa deebisanii guddisuunis Qeerroon akka Alamaayyoo Tsaggaa tattaaffii jabaa gochaa akak jiran Qeerroon Bilisummaa Hawaasaa keessaa gabaasee jira.