Shira Dabballoonni Wayyaanee Xaxaniin Barattooti Oromoo Yuunversity Mattuu Damee Gambeelaa 200 Ol Mooraa Gadhiisan

Gabaasi Qeerroo Guraandhala 17,2013 magaalaa Gambeelaa irraa akka akka addeessutti Yeroo ammaa kanas Wayyaaneen tokkummaa barattootni qaban gargar diiguuf shira hojjetu jabeessaa Yuunivarsiitii Mattuu Damee Gambeellaa keessatti barattoota 200 ol tahan barachaa jiran uummata Gambeellaa Anyuwaakii fi Nuweer waliin walitti buusuun barattootni uummata Nyuweerii fi Anyuwaakiin akka bineensaa akka adamsaman taasisee jira.Barattootni mooraa Gambeellaa kana keessaa baratan Yuunivarsiitii kana keessaa baqachuun yeroo ammaa Kaampii Chaayinaan duraan ijaare keessatti riphanii kan argaman yoommuu tahu rakkoo uumamaa jiru kana irratti Wayyaaneen use ilaalaa jira.

Kana malees Tikoonni Mootummaa Wayyaanee yeroo ammaa kana magaalaa kana keessatti barattootaa fi ummata bifa isaanii fi sanyiin adda qooduun ummata Oromoo irrati akka kakkaan taasisaa jiraachuun barattooti Oromoo hedduun akka reebamanii jiranii fi amma illee magaalaa keessa akka adamfamaa jiran Qeerroon naannicha irraa gabaasa.

Leave a comment