Mooraa Yuunivarsiitii Arbamincitti wal dorgommii kubbaa miilaa qophaa’e irratti Qeerroon Wayyaanee cinqe.Wayyaaneenis mooraa fi magaala waraanaan tiksuu dirqame.

Gurraandhala 17,2013 ArbaMinc

Dorgommii kubbaa miilaa Yuunivarsiitii Arbaminc keessatti qophaae irratti mootummaan Wayyaanee uummata hunda waraanaan tiksaa jira.Yeroodhaa gara yerootti mootummaan Wayyaanee mirga Dimokiraasii gaggeessaa jiru fakkeessuuf TV fi Raadiyoodhaan itti fayydamu qeerroon Yuunivarsiitii Arbaminc mormuun walleewwaan warraaqsaa sirbuun Wayyaanee sodaan liqimsiisanii jiran.

Barattootni Oromoo gara Mooraa Yuunivarsiitii Arbaminc Damee Abbayyaa dorgommii kanaaf deeman barattoota oromootti dabalamuun gootota Oromoo faarfachaa oolanii jiran.Mootummaan Wayyaanees gocha kanaan kan baarage waraana federaalaa kumaatamaan yuunivarsiitii fi magaala keessa ramaduun uummata tiksaa jira.Keessumaa alaabaa ABO dorgommii kubbaa miilaa Afrikaa Kibaatti balaaliie irratti murannoo ilmaan Oromoo qaban soda guddaa qabaachuun federaala kumaatamaan naannoo kanatti bobbaasuu odeeffatni waraana mootummaa keessaa bahes saaxilee jira.Qeerroon Yuunivarsiitii Arbaminc walleewwan warraaqsaa wal irraa hin dheessinu Gurbaa,Goota Oromoo ko maaloo fi kanneen biroo mooraa keessa naannauun sirbaa oolanii jiran.

Leave a comment