(Qeerroo, 12 Guraandhala 2013) Humni ummata bal’aa guddaa fi ulfaataa, kan akka galaanaa nama nyaatu ta’uu kanneen hubatanii beekan, bulchitooti qaroo fi hayyuu sagalee ummataaf kabaja kennuu akka qaban maanguddoonni Oromoo dhaamsa karaa wallee dabarsan.
Hayyuu fi waayyuu Oromoo kan ta’an Maammoo Gadaa wallee warraaqsaa gidduu kana ummataaf gad-dhiisanb keessatti gamni sagalee ummataaf kabajaa kenna malee itti hin baacu jechuun kanneen imaammata abbaa irrummaan masakamaniif akeekachiisa dabarsanii jiru.