Gurraandhala 11,013 Dambi Doolloo
Mootummaan Wayyaanee sabboontotaa fi qabsaawota ilmaan Oromoo yeroo irraa yerootti sababoota ABO deggertu FDG qindeessitu jechuun hidhuu fi biyyaa ariuu caalaatti ammo qabeenya saamuu aadaa godhatee jira. Haala kanaan godina Wallaggaa aanaa Qeellam mana barumsaa qophaayina Qeellem keessaa barsiisaa beekamaa fi ummata naannoo biratti kabajaa qabu Akliiluu Hordofaa Gurraandhala 2,2013 irraa kaasee ukkaamsee bakka buutee isaa dhabamsiisee ture.Yeroo ammaa kana garuu akka mana hidhaa Dhiddeessaa keessatti haalaan miidhamee fi dararamee akka argamu gabaasi qeerroo naannicha irraa nu gahe addeessa.
Kana malees naannoo aanaa Innaangoo irraa barsiisota lama Maaster Fisahaa Qalbeessaa fi Caalii Hordofaa jedhaman mana hidhaa Gimbiitti akka geessee jiru qeerroon gabaasa.
Ummanni Oromoo fi hojjettooti Oromoo maqaa fincila Qeerroo qindeessitu jedhamuun hidhamaa fi dorsifamaa akka jiran beekamaa dha.