Gurraandala 10,2013 Aksuum
Diddaan barattoota Yuunivarsiitii Aksum itti fufuudhaan mootummaa Wayyaanee yaaddoo keessa buuse.Mootummaan Wayyaanee qulqullummaa barnootaa mirkansa olola jedhuun olii fi gadi fiigaa turuu fi uummata gowwoomsaa turuun isaa ni yaadatama.Garuu Wayyaaneen faallaadhaan barattoota yuunivarsiitii qulqullummaa barnootaa fi sirna fayyadaminsa baajataa gaafatan isin shororkeessitoota jechuun hidhaa fi arii’aa jira.Yeroo ammaa kanas Yuunivarsiitii Aksuma keessatti wayyaaneen barattoota waraana hedduumminaan bobbaasuun doorsisaa jira.Keessumaa bakka doormii isaaniitti basaastota baajata guddaa itti ramaduun barattoota Oromoo maqaa miseensota ABO jedhuun yakkuun mana hidhaatti guuruuf akeekkatee socho’aa jira.Diddaa wal fakkaataa dura dhaabbachuuf Wayyaaneen waraana hedduumminaan bobbaasuun diddaa barattoota Yuunivarsiitii Finfinnee,Jimmaa fi kanneen biroo dura dhaabbachuu yaalus diddaan daran jabaachaa jira.
Yeroo ammaa kana Yuuniversitii kana keessatti gaaffiwwan mirgaa gaafatan irratti hundaa’uudhaan qabeenyaa mooraa kanaa fi konkoltaa hojjettootaa kan caccabsitaniittu FDG adda durummaan qindeessitaniittu jechuun barattoota 10 yakka sobaan murtii jallaa irratti kennamuu isaa qeerroon erga gabaasee bubbulee jira. Qabeenya mooraa sanii keessaa garuu ta’e jedhee konkolaataa kan caccabse nama dhalootaan Tigree ta’e e is maqaan isaa Fissaha G/Meskel kan jedhamuu dha, Garuu yakki kun gara barattoota kanaatti deebi’uudhaan dabaan himannaan irratti banamee jiraachuu qeerroon gabaasa.Haala kanaan barattooti maqaan isaanii armaa gadii mana hidhaa Wayyaanee keessa akka jiran beekame.
1.Iyyaayyuu Awwaqaa—barataa heerregaa—waggaa 3ffaa
2.Mulugeetaa Marraa—barataa computer science–waggaa2ffaa
3.Asraat Taarraaqanyi–barataa computer science–waggaa2ffaa
4.Itsaggaanat Warquu–barataa history(seenaa)– waggaa 3ffaa
5.Ashenafi Wandimu—barataa Saayikiloojii wagga 2ffaa
6.Yaared Taarraqanyi –barataa–Accounting–waggaa2ffaa
7.Aklilu Xilaahun— barataa–Accounting–waggaa2ffaa
8.Wandasan Haile–barataa–Engineering–waggaa 2ffaa
9.Daariyoos Salamoon–barataa–Accounting–waggaa 3ffaa
Ta’uu beekamee jira. Diddaan Qeerroo bilisummaa Oromoo Oromiyaa guutuu keessatti yeroo irraa yeroon bakkoota adda addaatti dhuka’uun Wayyaanee akka rifaasisee jiru ifatti waan beekamu ta’uun ragaalee finciloota ta’aniiti.
Eeyyen waan dhugaadha ammallee nu doorsisaa jiru.
Barattoota Oromootu biyya keenya jeeqa jedhanii.!