Anaa Moyyaalee Keessaa Ilmaan Oromoo Nagaa 5 Wayyaaneen Ukaamfaman

Gurraandhala 05,2013

Garboomfataan mootummaa Wayyaanee yeoodhaa gara yerootti ilmaan oromoo gaaffii mirgaa gaafatan mana hidhaatti ukkaamsaa,barnootaa fi hojii irraa arii’aa turuun isaa ni yaadatama.Yeroo ammaa kanas garboomfataan mootummaa Wayyaanee ilmaan oromoo maqaa miseensota ABOti jedhuun mana hidhaatti guuraa jira.Godina Booranaa aanaa Moyaalee keessatti mootummaan Wayyaanee dargaggoota hojii dhabdummaan rakkatan isin ABO waliin wal quunnamuuf gara kana dhuftan malee Moyaaleedhaa waan hojjettan hin qabdan jechuun ukkaamsee jira.Dargaggootni shan
1. Isayyas Biraanuu wallaggaa irraa hojii barbaadannaa kan deeme
2. Shimallis Aagaa Wallaggaa irraa
3. Abdataa Taaddalaa Amboo irraa
4. Kiflee Maatiwoos
5. Girmaa Alamuu Amboo irraa
Magaala Moyaalee keessatti ukkaamsamuun mana hidhaa Wayyaanee naannoo kanaa kan seenan yoommuu tahu yeroo ammaa kana
ukkaamsamanii fudhatamuun bakka buuteen isaanii wallaalamee jira.Mootummaan wayyaanee gocha farrummaa ilmaan oromoo irratti gaggeessaa jiru daran jabeessus gaaffiin mirgaa yoomuu akka itti fufu
qeerroon Moyaalee gabaasee jira.

 

Leave a comment