Y.G(2005)n
Har’a diinni Qabsoo Oromoo adda duraa eenyu ? jedhamee yoo gaaffiin dhihaatee, deebiin irra jireessi wayyaanee irratti kan xiyyeeffatu ta’a. garuu wayyaaneedha jedhanii xumuruuf, wayyaanee iyyuu lubbuu itti horee kan jiraachisaa jiru humnoota alaa ta’uun shakkii hin qabu. kana irraa kaanee humnoota alaati akka hin jenneef, meeshaa isaan harkaa fuudhee kan nutti dhukaasu caalaa diina nuuf hin ta’an kan jedhuus hin dhibu. Kanaan ala yoo ilaalles, yoo jabaatte diina humnumaan of irraa qolattee furmaata itti goota. Lammii ofii ta’ee kan boolla Ummata isaaf qotaa jiru, diinni ummata kana sodaa tokko malee saamee , hidhee , ajjeesee akka jiraatuuf kanneen karaa argisiisan odoo jiranii , halgaa diina tokkoffaa taasisuuf yaaluunis rakkoodha. Kana malees, Qabsoo ummatichaa ganee diinatti galee adeemsa jiru kan naaffisu odoo jiruu , diinni kiyya innikkaa isa kana jennus dubbii achi of irraa qabuu ta’a.
KAN MATA NAMA MARUUF FURMAATNI NUTIS TOKKUMMAAN MATAA MARUU DHA !!!!
yaadni kun gababaatti diiinni keenya eenyu kan jedhu ummatni oromoo galatni ABO tiif haa ta’u malee sirritti cimsee ni beeka kanaafis akka lammiitti yeroo dheeraaf hin ta’u bilisummaa lammii koof jecha hanga luubbuu isaanii tooko utuu hin marafatiiin hedduun wareegamaniiru
ega akka walii galaatti diini eenyu utuu hin ta’iin kan diina orommof karaa banee nutti bobaase eenyu yoo jenne deebii isaa ummata keenyaaf haa keenyu
keessuma bara ammaa kana yerootti QEERROON mootummaa halaga /koloneeffattu/ WAYENEE/hudhee yeroo qabutti tokkummaan mootummaa kana irra darbachuuf qabsoo hidhannoo fi siyaasaa ABO cimsee gaggeessutti yaada kakachalaa fi fugisoo dhiyeessuun gama biyyaa ambaa dhaabatanii remoote contrliin akka leenca dullomee dhaaba yerootti yerooti bixiluun lammii keenya afaan faajjessuuu ni yaalu garuu kan nama ajja’ibu ummani biyya keessaa kam kan isaa ta’uuf isaa hin taane sirritti waan beekuuf akka yaadakkootti muuxannoo yeroo dheeraa aragnneen ABO ala dhaaba yaaluun salphinaa fi wallalaa ta’uudha keessummaa halagaatti hirkachuun dhaaba dhaabuun du’a sareeti.fi harama isa jedhani dha.
jaarmiyaan ABO ala yeroo dhaabatan dhiimmi isaa akka yeroo konkolataa oofan karaan nama jalaa badu U-TURN godhani gara karaan jalaa badetti deebi’uuti.
kan biraa dhaabni maqaan oromoon dhaabatu humna ittisaa hin qabne dhumni isaa salphina dha
fakkenyas kan nuu ta’u warra maqaa mormitoota jarmiya oromoo ta’an biyya keessa dhumni isaaniii mootummaa halagaaf dibbee rukkutuu irraa kan waan tokko kan bu’aa buusan hin jiru .
tarii hambaa wayanee kan ta’e qarshii jireenya isaaniif argataniiru.
walii gala kan nu baasu tokkummaan jaarmiyyaa keenya ABO fi WBO CINAA DHAABACHUUN BILISUMMAA ummata oromoo gonfachuun dirqaman hunda keenyaatti .quba walitti qabuu fi wal balaaleffachuun dhumni isaa diinaaf karaa banuu malee kan biraa bu’aa nuu argamsiisu hin jiru
IUO
g3
Jabaadhaa afaanfaajjessuu wayyaantiin akka uummanni oromoo hin gowwoomne hawaasa kana hubachuun barbaachisaadha kanarrattimmoo baayyee hojechaa jirtu waan taeef ammas jabaadhaa itti fufaa gadaan gadaa bilisummaati!