Godina addaa Oromiyaa Kamiseetti uummatni gibira mootummaa Wayyaanee dhorkate.Dargaggootni oromoos hidhamaa jiru

Amajjii 24,2013 Finfinnee

Godina addaa Oromiyaa magaala Kamisee baatee ganda qotee bulaa Karrajumaa keessatti uummatni gaaffii mirgaa kaasuun mootummaa Wayyaanee yaaddoo keessa buuse.Ganda qotee bulaa kana keessatti uummatni gibira mootummaa wayyaanee dhorkachuun diddaa isaa gamtaan mulisee jira.Mootummaan Wayyaanee naannoo kanatti yeroodhaa gara yerootti dargaggoota naannoo kanaa maqaa miseensota ABOn hidhaa kan ture yeroo ammaa kanas magaala Kamisee fi ganda qonnaan bulaa kanneen keessaa isintu uummata qindeessa jechuun mana hidhaatti ukkaamsee jira.Dargaggootni Oromoo

1. Abdii Mohaammed koollejjii BLTO irraa kan eebbifame

2. Sayid Abdullaah Yaayyaa barataa kutaa 12ffaa

Mana hidhaatti ukkaamsuun reebicha irraan gahaa jiran.Naannoo kanatti wayyaaneen dargaggoota Oromoo gowwoomsuun gara waraanaatti guuruuf kan karoorfate diddaa uummataan fashaluun isaas ni yaadatama.

Leave a comment