LOON ABBAAN GAANFA CABSEE, ORMI IJA JAAMSA

Y.G (2005)

parchment 7Ummati Oromoo Biyya keessa jiru , hiraarrii dhala Namaa irratti hin raawwatamneetu irratti raawwatamaa jiraachuu guyyuu dhaga’amaa jirra. Wayyaaneen abdii kutannaan , miidhaan Ummata kana irraan ga’a jirtu , guyyuu dabalaa deemuu hundatu taajjabaa jira. Waggoota 21 dabran kana miidhaan gama hundaan Ummata Oromoo irra ga’aa jiru, kan baroota dhibbaa dachaa ,dachaan caala. Namummaan keenya, Sabummaan keenya, Qabeenyaan keenya, aadaan keenya Barbadeeffamaa jira. Dhalooti itti aanu beekumsaan, Ogummaan , Barnootaan, Namummaan hegareen isaa akka karaa hin qabanneef shirri waggaa 50tu of irraa baasuu hin dandeenyetu irratti hojjatamaa jira. wayyaanoonni fi waa’eellan isaanii , Biyya Itoophiyaa jedhamtu kana yoo xiqqaate waggaa 50f bulchuu fi yoo itti milkaa’aniif bara baraaf Ummatoota Biyyatti hacuucanii bituuf karoora lafaa qaban irraa ka’nii , sadarkaa 1ffaatti Ummata Oromoo fi qabasoo isaa irratti xiyyeeffatanii hojjachaa jiran.

LOON ABBAAN GAANFA CABSEE, ORMI IJA JAAMSA !.docx

Leave a comment