Amajjii 1,2013 Finfinnee
Waldaan dargaggoota Itoophiyaa jedhamu yeroo dheeraaf biyyattii keessatti mootummaa wayyaaneen faarfamaa ture isin hojii mootummaaf hojjetu osoo hin tahiin mootummaa aangoo irraa buqqisuuf wal gurmeessaa jiru jechuun bittinfame.Mootummaan wayyaanee yeroodhaa gara yerootti dargaggoota irraa shakkii godhachuu kan itti jabaate yoommuu tahu dargaggoota amanamtoota wayyaanee tahan waldaa kana keessa galchuun harka mirgaa godhatee itti fayyadamaa turuun isaa ni yaadatama.Garboomfataan mootummaa wayyaanee bittaa umrii isaa dheereffachuuf bu’aa fi aangoon qabuun dargaggoota gowwoomsaa kan ture dargaggootni filannoo dharaa dhufaa jiruun wal qabsiisuun mormii kaasanii jiran.Filannoon biyyattii keessatti gaggeeffamaa turee fi itti jiramu filannoo haqaa waan hin taaneef hin filannu jechuun waldaan kun mormii wayita dhiyeessutti bakka oolmaa kana irraa shakkii guddaan mootummaa wayyaanee keessa waan seeneef bittinsee jira.Gaaffiin mirgaas bitaa fi mirga irraa hojjettoota mootummaan wayyaaneetti jabaachaa jira.Diddaa wal fakkaataanis barattoota yuunivarsiitii dirree dawaan gamataa barattootaan dho’ee jira.