Amajjii 14,2013 Jimma
Baratooti Oromoo Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa sochii Fincilaa Diddaa Garbummaa [FDG] egalee jiruu jabeessuun itti fufan.Baratootni Oromoo halaa yeroo ilmaan Oromoo fi Oromiyaa akkasumas rakkinaa biyyaattiin keessaa seentee jirtu ilaalchisuun wamicha FDG bifa haaraa ta’een waraqaa warraaqsaa mooraa Yuniversitii fi magaalaa Jimmaa kaasaa facaasaa akka jiran gabaasi nu dhaqabe addeessa.
Mootummaan abbaa irree Wayyaanee humna waraanaatiin mooraa Yuunivarsiitichaa eegaa kan ture daran jabeessuun yeroo ammaa kana ammoo humna waraanaa mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa Afranitti jechuun Mooraa isaa Main Campus, mooraa Economics fi Business, Mooraa Qonnaa, fi Mooraa saayinsii fi Teekinologii tti Humna Waraanaa fi basaastotaa isaa ol seensisuun sirna baruu fi barsiisuu goolaa jiraachuun beekamaa dha.
Qeerroon Yunversitiilee haala kana jabeessanii mormuun irree jabeeffachuu fi uummata keenya daran dammaqsuu irraan FDG kan wal irraa hin cinne Oromiyaa mara keessatti gaggeessuun irree mootummichaa laaffisuun sirna walabummaa biyyaa mirkanneessuun murteessaa ta’uu isaa kan ibsu waraqaalee heddumminaan akka facaasaa jiran beekame. Kana malees Qeerroon yunversitii Jimmaa sochii Wayyaanotaa fi baasasota wayyaanee mormuun mirgii abbaa biyyuummaa saba keenyaa kabaajamuu qabaa jechuun barsiisotaa, baratootaa fi hojjeetootaa Mooraa Yuunivarsitii Jimmaa fi Ummaataa Oromoo hundaaf Waamichaa FDG dabarsuun gaaffii ilmaan Oromoo yeroo si’anaa kaasuu qabanii fi jiruuf jireenyaa Ummatichaa irraatti hudhaa ta’ee jiruu barreessuun Ummataaf bakka hundaattii faacaasaa jiraachuu irra darbee garagalchaa gaffiiwwaan kanaas Dr Fiqiree Lammeessaa Peresedentii Yuunivarsiitii Jimmaa, Akkasumaas Mootummaa Naannoo Oromiyaatiif jechuun Qeerroon Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa Biroo staffi barsiisotaa, Laabiraarii Baraatotaa fi bakkeewwaan beeksisni adda addaa itti maxxanfamuu hundatti maxxanssuun diddaa isanii jabeessuun itti fufani jiraachuun gaca’uu qeerroon naannicha irraa gabaasa.
notify news on my yahoo.