Wareegama Barbaachisaa Baasanii Bilisummaa Uummata ofii Mirkaneessuun Nama Boonsa


Wareegama Barbaachisaa Baasanii Bilisummaa Uummata ofii Mirkaneessuun Nama Boonsa

Ibsa Miseensota KG Dh.D.U.O

Wareegama Barbaachisaa Baasanii Bilisummaa Uummata ofii Mirkaneessuun Nama Boonsa. Galmee seenaa keessattis bara baraan jiraata. Akkuma beekamu mootummaan wayyaanee haala yeroo ammaa akkaataa hammaataa fi jibbisiisaa taheen ilmaan oromoo mana hidhaatti guuraa jira. Kaanis saamaa, kaanis ajjeesaa, kaanis biyyaa arii’uu daran jabeessuun waanjoo garbummaa jabeessee hudhaa jira. Kun kan hiika argatu tokkummaa Oromoo jabeessuun sochii bilisummaaf godhamu finiinsuu qofaan taha. Uummatni Oromoos haala kana hubachuun qotee bulaa, barsiisaa, barataa, hojjetaa, daldalaa, dafqaan bulaa fi marti osoo lagaa fi aangoon wal hin qoodiin QBO jabeessuun dirqama. Wayyaaneen paartiilee biyya bulchan keessaa addatti xiyyeeffannoo fi ija shakkiin irra caalaa kan ilaalu Dh.D.U.Oti. Kunis haqa lafa kaawee darbu qaba. Dh.D.U.O ofii bixxilee har’a Oromoo ittiin gowwoomsuuf dhaaba siyaasaa qabdu jedhu kana irraa amantamummaa waan hin qabneefi. Dhiibbaa addaa fi qorannoo, akkasumas namuusaan jechuun aangoo irraa darbaa, dhoksaan tikaan ajjeesisaa waan tureefi. Mootummaan wayyaanee ilmaan Oromoo Oromummaa isaaniif kufanii ka’an bakka kumaatamatti dhiiga isaanii dhangaalaase. Dhiigni dhangala’e kan miseensummaa DH.D.U.O qaban dabalatee malee ati miseensa keenya jedhee guyyaa itti Oromummaa keef dhugaa dubbadhu jedhe hin qabu. Filannoo gaggeeffamaa ture keessattis paartiileen mormitootaa ija guutuun osoo ilaalanii sagaleen anatu caala jedhee uummatatti lallaba. Namootni dhugaaf dubbatanis bakka nyaatanii fi dhuganitti, bakka bashannanitti tika mootummaa wayyaanee fi ifaan ajjeefaman. Dhugaan biyyattii keessatti bakka dhabaa fi jireenyi uummata biyyattii keessumaa kan ilmaan Oromoo daran hammaataa tahee jira. Gochaa isaa kanaafis guyyaan seenaan itti gaafatamnu dhiyaachuun hundatti akka biiftuu barraaqaa mul’achaa jira. Itti gaafatama seenaa jalaa bahuuf QBOf kan beekumsa qabu beekumsaan, kan qabeenya qabu qabeenyaan, kan humna qabu humnaan waan danda’u maraan qooda keessaa fudhatuu qaba.
Yaa Ilmaan Oromoo,

Wareegama barbaachisaa kaffalanii bilisummaa uummata ofii mirkansuun nama boonsa.pdf

Leave a comment