Amajjii 12,2012 Maqalee
Akka gabaasaa Qeerroo mooraa yuuniversity Aksum irraa addeessutti arman dura nyaata summiidhaan xuqameen barattootni lama Yuuniiversitii Aksuum keessattu dhu’uun ni yaadatama.
Haalli itti fufa fincila barattoota guyyaa har’aa Amajjii 12 sababa guddaa ta’e nyaatni barattootaa garmalee baduu irraan kan ka’e,qulqullina dhabuu irraa baratoonni hedduun fayyaa dhabanuun rakkoo guddaa ta’e,sana irrattis barattooti Yuunversitii Finfinnee mooraa Kiiloo 4 heddummaniin hidhamuun gaaffii gabarattoota maraa ta’ee FDG kaase. Kana xiiqeffachuun bulchitoonni mooraa Yuunversity Maqalee nyaata bade guyyaa sadiif bule barattooti akka nyaatan dhiheessuu irraan sababa ta’ee gaaffiin mirgaa har’a ganama sa’aa 8:00WD irraatti fincilli akka ka’u taasisee jira.
Haalka kana irratti hundaawuudhaan hidhattootni Wayyaanee poolisoonni mooraa,waraana federaalaa waliin mooraa keessa galuudhaan barattoota moorichaa guutummaatti rukutuu fi qabuudhaan jeequmsi guddaan ture,lolli guddaan barataa fi hidhattoota Wayyaanee gidduutti jabaatee oole,hammachuu barattootaan dhukaasni naannoo sa’a 5:00 keessa barattoota irratti kan banameen shamarran lama garmalee mada’anii amma mana yaalaa galanii jiru.Barattootni 5 bakka buuteen isaanii dhabamee jira,maqaa barattoota kanaa walitti qabnee odeessaa gabaasa itti fufu keessatti dhiheessina.
Gaaffiiwwan barattooti Yuniversitii Maqalee barreessanii maxxansuu fi akka dhaadanootti qabatanii jiran keessaa gariin:-
- Waraannii fi poolisiin akkasuma basaastonni mooraa gadi nuuf dhiisaa,
- Torban tokko dura barataan namni lama summii nyaatan makamee nyaatee du’e sun akka hin dhaga’amneef ukkaamsamee hafee jira, kun amma ifatti hamma bahutti barumsa keenyatti hin deebinu,
- Hatattamaan barataan nu keessaa butamee bakka buuteen isaa dhabame kun nuuf haa deebi’u, jedhanii gaaffiwwan kana barreessanii bakkaa adda addaatti maxxansanii jiru, gaaffiin kun hamma deebii quufsaa argatutti yoo nu fixxan nu fixaa malee boodatti hin jennu jedhuun tokkummaadhaan mooraa keessatti iyyaa akka jiran gabaasaan qeerroo nu gahee jira.
- Mirgi uummata biyyattii haa kabajamu
- Bilisummaa barbaadna
- Qaala’insi jireenyaa haa dhaabbatu
- Miindaan jireenyaaf gahaa miti
- Arrabsoon ilmaan oromoo irraa haa dhaabbatu
- Mootummaan wayyaanee ofii barattoota walitti buusuu haa dhaabu
Kanneen jedhan ta’uu qeerroon naannicha irraa gabaasa