Amajjii 10,2013 Arbaminc
Yuunivarsiitii Arbaminc keessatti qeerroon haala yeroo ammaa yuunivarsiitii Finfinnee keessatti dhalate ilaalchisuun marii hatattamaa taasisaniin ibsa ejjennoo lafa kaawatan.Mootummaan Wayyaanee gaaffiiwwan mirgaa gaafataman waraanaan dura dhaabbachuunii fi ilmaan Oromoo biyya abbaa isaa irratti hidhaa,ajjeechaa,dararaa,arrabsaa jiraachuun hanga yoomiitti jechuun maarii isaanii kan eegalan yoommuu tahu ibsa ejjennoo hatattamaa armaan gadii kana baafatanii jiran
1. Hidhamtootni siyaasaa hanga hiikamanitti gaaffii mirgaa haala kamuu caalaa daran jabeessuun itti fufna
2. Hidhamtoota ilmaan Oromoo waan dandeenyu maraan cinaa dhabbanna
3. Mootummaan wayyaanee iyyannoo barattoota oromoo Yuunivarsiitii Arbaminc irraa waajjira Pireezedaantii seene hatattamaan akka deebisu gaafanna
4. Ilmaan Oromoo humna agaazii mootummaa Wayyaaneen ajjeefamaniif mootummaan EPRDF itti gaafatamummaa haa fudhatu,Yakkamtootnis fuula seeraa haa dhaabbatan
5. Waraanni Mootummaa wayyaanee dirqamaan gudeeddii barattoota yuunivarsiitii Gondar irratti gaggeessee fi Arbamincitti barattoota irratti gaggeesse seeraan haa gaafamu
6. Walabummaan biyyaa fi Bilisummaan oromoo hanga mirkanaa’u wareegama kamuu baasnee qabsoofna
Jechuun kan ibsa ejjennoo baafatan yoommuu tahu waraqaa waamichaa fi ibsa dhaabaa barattoota maadheef hiranii jiran.Mootummaan Wayyaanee yeroodhaa gara yerootti dhiibbaa addaa ilmaan oromoo irratti gaggeessaa jiru daran jabeessaa kan dhufe dura dhaabbachuuf hunduu dirqama isaa akka bahu waamicha oromummaa dabarsanii jiran.