Godina Booranaa aanaa Bulee Horaa Keessatti Qeerroon Bilisummaa Diddaa Jabeessan.Barsiisonni Oromoo dhaas QBO Qooda Kennaa Jiru

Amajjii 11,2013 Finfinnee

Godina Booranaa aanaa Bulee Horaa mana barumsaa Bulee Horaa sadarkaa 2ffaa keessatti barattootni oromoo dhiibbaa mootummaan wayyaanee gaggeessaa jiruu fi barattoota jumlaan mana hidhaatti guuree fi ajjeese mormuun gadda uffachuun diddaa mul’isan.Qeerroon Bulee Horaa gamtaan waamicha walii dabarsuun rifeensa haaddachuunii fi uffata gaddaa uffachuun mootummaan wayyaanee balaaleffatanii jiran.mootummaan wayyaanees yeroodhaa gara yerootti diddaa qeerroo irraa manneen barnootaa gad aanaa irraa hanga yuunivarsiitiitti itti jabaachaa dhufe dura dhaabbachuufis waraana bobbaasuun waraanatti dirqama addaa kennaa jira.Diddaan manneen barnootaa gad aanaa keessaa jabaachuunis Godina Horroo Guduruu wallaggaa aanaa Jaardagaa Jaartee mana barumsaa Aliboo sad 1ffaa fi 2ffaa keessatti barsiisotnii fi barattootni oromoo walitti dhufuun dhimma QBO irratti erga marii’atanii booda gocha mootummaa wayyaanee balaaleffatanii jiran.Yeroo lammaafaafis dhimma QBOf kan oolu qarshii 300(dhibba sadii) walitti buusanii jiran.Dhiibbaa mootummaan wayyaanee dargaggoota oromoo fi qotee bultoota oromoo irratti gaggeessaa jirus mormiif qophii tahuu ibsanii jiran.Godina Iluu abbaa booraa aanaa Cooraa keessatti qeerroon diddaa itti fufee jira.Mootummaan wayyaanees akkuma bare ilmaan oromoo amantii musliimaa qabanii fi hojii dhabdoota mana hidhaatti guuruu itti fufee jira.Dargaggoon Efreem Abaataa jedhamu hojii dhabdummaan rakkachaa kan jirus gara mana hidhaa mootummaa wayyaanee gidduu galeessaa Maa’ikelaawiitti tika mootummaa wayyaaneen yakkamuun fudhatamee jira.

Leave a comment