Amajjii 11,2013 Finfinnee
Filannoo dharaa mootummaa Wayyaanee gaggeessuuf jedhu irratti diddaan uummata magaala Finfinnee irraa mudate.Wayyaanee EPRDF abbaa irrummaan uummata biyyattii garboomsee osoo jiruu sirna dimokiraasiin gaggeessaa jira jedhee addunyaatti lallabuuf kan filannoo kana kalaqe uummatni kaardii filannoo hin fidhannu jechuun didee jira.Bakka oolmaa dargaggoowwaniis Wayyaaneen yeroo ammaa kana maal marii’achaa jirtu jechuun cufaa jira.Yeroo ammaa kanatti mootummaa Wayyaaneetti diddaan jiraattota magaala Finfinnee irraa gama hedduun itti jabaatee jiraachuun beekama. Qaala’insa jireenyaa,rakkina geejibaa fi hojii dhabdummaan jiraattota magaala Finfinnee fi hawaasa biyyattii mara rakkisaa jira.Mootummaan wayyaanee yeroodhaa yerootti diddaa uummata kanaa dhaamsuuf walgahii bakka buutota aanaa irraa funaanuun walgahii gaggeessuus mormiin daran jabaatee jira.Jiraattotni magaala Finfinnees mootummaan wayyaanee garboomfataadha jechuun ifaan dubbachaa jira.Hawaasni musliimaa daran diddaa jabeessuun filannoo wayyaanee waliin tapha kan dhaqu hin jiru jechuun diddaa itti fufanii jiran.