Amajjii 10,2012 Jimma
Yuunivarsiitii Finfinnee kiiloo 4 irraa torbee darbee keessaa qabamanii hidhaman baratootni Oromoo haa hiikamaan. Gaaffiin eenyaa gaffii kabajamuu mirga Oromummaati, Beektotnii Oromoo barootaa dheeraa jechuun bara baraan sababaa Oromummaa isaaniin gara mana hidhattii guuraamaa turaan hatattamaan haa hiikaman, Mirgi Ummata Oromoo fi Kabajni Oromummaa keenyaa nuuf haa kabajamuu, Kanneen ajjeeffamaniif mootummaan Wayyaanee itti gaafatamaadha, Oromoon abbaa biyyaati kabajni abbaa biyyuummaa keenyaa fi mirgonnii dimookiraasii fi dhala namummaa nuuf haa kabajamuu, Oromoo biyyaa abbaa isaa keessaattii hidhuun, ajjeessuu,hiraarsuun, nurraa haa dhabbatu, Nuti ilmaan Oromoo Mirgaa keenyaa fi kabajamummaa Oromummaa Keenyaaf irree tokkoon kaanee ni falmanna jechuun Qeerroon barreeffamoota warraaqsaa barreesuuun Ummataa fi baratootaa Oromootiif Amajjii 8/2013 irraa egalee dhamsaa gamtaan kaanee barruulee warraaqsaa tamsaasan.
Goototni Baratootaa Oromoo Universiitii Jimmaa FDG yeroo garaagaraattii taasisaa turaan cimsuun Amajjii 9/2013 barruulee dhadannoo qabachuun mooraa Yuniversitii keessatti diddaa agarsiisaniin humni poolisa feederaalaa fi naannoo barattootatti yeroo bobba’utti Qeerroon moraa keessa jiru gamtaan roorroo of irraa ittisuuf jecha poolisoota waliin walitti bu’an. Haala kanaan itti aanaan hogganaa Poolisaa mooraa Yuunivarsitii Jimmaa kan ture kan maqaan isaa Mallaasee jedhamuu gidduu kanaa sabboontotaa baratootaa Oromoo adamsaa kan turee irree Qeerroon adabamee Hosptala Jimmaa galuun beekame.
Halaa sochii Qeerroo kana gara dabarsuuf yaaliin Dabbaallonnii Wayyaanee walittii bu’insaa amantii gidduuttii ka’ee fakkeessuuf gochaa jiraan ammas Qeerroon duraa kan dhaabbatuu ta’uu hubachiisee jira. Wayyaaneen akkuma beekamuu sabaaf sablamotaa gidduttii ibiddaa qabsiisee humna isaan mormu dadhabsiisuun ofii jiraachuun sabaa fi sablamootaa gidduuttii akka walittii bu’insii uumaamuuf shira qopheessaa jiraachuu odeessii keessaa Wayyaaneeti ba’ee saxilee jira.
Pingback: Qeerroon Yuuniversity Jimmaa Fincila Itti Fufan.FDG kana irrattis Gaafatamaan Humna Hidhataa Wayyaanees Irree Barattootaan Adabame. « OromiaTimes
Ka hin ka’iniis haa kaanuu yeroon ammaa!!!
Pingback: Qeerroon Yuuniversity Jimmaa Fincila Itti Fufan.FDG kana irrattis Gaafatamaan Humna Hidhataa Wayyaanees Irree Barattootaan Adabame. | Oromia & Oromo Affairs