Amajjii 09,2013 Finfinnee
Diddaa barattootaa Yuunivarsiitii Finfinnee keessatti dhalateen wal qabatee mootummaan wayyaanee ilmaan oromoo Jumlaan mana hidhaatti guuruun isaa ni beekama.Waraanni Agaazii mootummaa wayyaanee gaaffii mirgaa barattootni oromoo gaafatan dura dhaabbachuuf qajeelfama abbaa irree wayyaanee irree fudhateen ilmaan oromoo hedduu madeessee kaan ajjeesuun isaas addunyaan beeka.Yeroo ammaa kana barattootni oromoo mooraa Yuunivarsiitii Finfinnee kiiloo 4,5 fi 6 akkasumas school of art keessaa funaanaman mana hidhaa mootummaa wayyaanee yeroo dheeraa ilmaan oromoo keessatti qaamaa hir’atan Waajjira poolisii 3ffaa jedhamu keessatti dhukkubaan,beelaa fi reebichaan dararamaa jiru.Ilmaan oromoo kanneen kaan waajjira Poolisii mootummaa wayyaanee Qacanee Madaanalam keessatti ukkaamsamuun dararamni addaa irraan gahaa jiru.Barattootni oromoo nyaata kan hin argannee fi qorannaa siyaasaan yeroodhaa gara yerootti rakkachaa jiru.Mootummaan wayyaanee gaaffii mirgaa barattootaa dhaamsuuf jumlaan mana hidhaatti gurus diddaan daran jabaachuun barattootni gaaffii mirgaa itti fufanii jiran.Qeerroon Yuunivarsiitii Kotobee keessaa waraqaalee dhaadannoo
1. Arrabsoon ilmaan oromoo irraa haa dhaabbatu
2. Hidhamtootni haa hiikaman
3. ABOtu gaachana ilmaan oromooti!
4. Kutataan kutaa uffata
Jedhan dallaa keessatti maxxansuunii fi miseensota qeerroof waamicha dabarsuun gaaffii mirgaa itti fufanii jiran.Miseensotni DH.D.U.O kanneen tahan mootummaan wayyaanee gocha kana shiruun ilmaan oromoo mana hidhaatti ukkaamsuu isaas ni mormina jedhanii jiran.Ilmaan oromoo yuunivarsiitii maraa akka waamicha dhaga’uun kaatan dhaammanna jechuun waamicha oromummaa dabarsanii jiran.Qeerroon Yuunivarsiitii Kotobee bilbilaan ergaa gabaabaa ‘’ Mootummaan wayyaanee hundeen hanga buqqa’u dirqama nurraa eegamu bahuun gahee oromummaa haa baanu! Dhaamsa kana ilmaan oromoof dabarsi!’’ jedhu walii daddabarsuun hojii kutannaa fi waamichaa dabarsanii jiran.