Wallee Filatamaa Bara 2012
Bara 2012 Keessa Sochii Dargaggoota Biyyoolessaa(Qeerroo)f gumaachi wallee waraaqsaa Artist Hirphaa Gaanfureen kenname kun rakkoo,gidiraa,dhiphinaa fi rooggoo ummata Oromoo irra jiru gahaatti ibsuu irra darbee sochii warraaqsaa Qeerroon gaggeessu keessatti guutuu Oromiyaa irratti faajjii jabduu ta’ee Qeerroon Oromoos ta’e sabboontoti marti caalatti Oromiyaaf ka’anii wardiyyaa akka dhaabatan taasisuu keessatti qooda guddaa kennee jira.
Sababaa wallee kana dhageeffattan jechuu fi bilbila harkaa irratti fe’attanii ummata baadiyyaa ittiin dammaqsaa jirtu jedhuun ergamtooti Wayyaanee dargaggoota hedduu mana hidhaatti guuraniiru. Addattti naannoo Dhiha Oromiyaa Ayiraa Gullisoo jedhamu keessatti barattoota hidhuu irra darbanii manneen barnootaa irraa ari’anii jiru. Qeerroolee arsaa kana kafalan guyyaa tokko seenaan ni yaadata.
Qabsaawaa fi Artist Hirphaa Gaanfurees akkuma wallee kee irratti jette hangamuu Oromiyaa irraa fagaatte qalbii fi onneen kee guyyuu ummata kee bira jiraataa jirtuu fi rakkoon ummata kees guddoo akka onnee si gubu waan beeknuuf jecha gumaacha ati gooteef maqaa Sochii Dargaggoota Bilisummaa fi Dimokiraasii Biyyoolessaa (Qeerroo)n Galata guddaa siif dhiheessina.
