Amajjii 07,2012 Amboo
Diddaan barattoota Yuunivarsiitii Finfinneetti dhalate jabaachaa dhufuun qeerroo yuunivarsiitii Amboon itti fufe.Mootummaan wayyaanee diddaa barattootaa dura dhaabbachuufis waraana bobbaasee barattoota oromoo reebsisus barattootni Oromoo gamtaan waraana mootummaa Wayyaanee dura dhaabbachaa jira.Gaaffiin mirgaa barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Finfinnee haa deebi’u,Baajatni dhimma barnootaaf bahe olola siyaasa mootummaa wayyaaneef ooluu hin qabu,Mootummaan Wayyaanee garboomfataa dha jechuun Qeerroon Yuunivarsiitii Amboo diddaa irtti fufee jira.Uummatni magaala Amboos waraanni mootummaa Wayyaanee yeroo hundaa maaliif ilmaan keenya dhaana jechuun diddaa dhageessisaa jiran.Yeroo ammaa kana diddaa daran jabaachaa dhufe dura dhaabbachuuf mootummaan wayyaanee hidhaa fi ajjeechaa filachaa kan jiru yoommuu tahu kun ammo haamilee barattootaa osoo cabsiin gaaffiin mirgaa daran jabaatee jira.Yuunivarsiitii Amboo keessatti waraanni mootummaa wayyaanee fi tikni mootummaa wayyaanee mooraa seenuun barattoota olii fi gadi arii’aa jiran.Barattoota Oromoos mana hidhaatti guuruu eegalanii jiran.Barattootnis diddaa nyaata lagachuu gaggeessaa jiraachuun beekame.
Pingback: Diddaan Barattootaa Yuunivarsiitii Finfinneen eegale qeerroo Yuunivarsiitii Amboon itti fufe. | Oromia & Oromo Affairs
hello qeerroo you guys doing very encouraging struggle while we are celebrating the forty seventh years of oromo liberation front birth date.Its so unfortunate to the Oromo people in general and grief for the members.I m personally disappointed that I was a teenager at that time when Haile Silassie withdraw the whole military personnel from Jimma camp to Ogaden region to be killed by the malaria parasite and I remain by myself because I was working in my own business and so no one knows me that I have been involved as such.So I m so glad you’ve been created.I wish and try to be created not qeerroo alone but jarsoo should ‘ve to involve in such an interesting greater creater..I cannot say brothers and sisters but ijjoleewankoo jabadhati dargirrat aka eprpin gootte wajuuman nutsi waarii jarsootta gochuu fi isin buukee dhabachuu aka dandeeynuu nusirneesa adarraa odda nabi.I cannot and do not blame OLF much as I blame my own self that the fact the matter I did not do what I m now advising you to do so.But I ‘ve never ever ran after money and forgotten my indigenous people that suffering for more than two centuries .Ijjoleewankoo jabadhaa nujabeesaa,diinaa ajeesaati akataa nuss ajeefnuu nuubarsisaa.
Ajeessii Miliqiin jeedhamma.