SBO Amajjii 06 Bara 2013

2 thoughts on “SBO Amajjii 06 Bara 2013

  1. HUMNI DIINAA SIRNA KABAJAA GUYYAA WBO GUFACHIISUUF BOBBAAFME, CUUBEEN DIRAMEE YKN BIILLAAN WARAANAMANII HOSPITAALA CICIISSAA JIRU!
    Amajjii 1 Guyyaa WBO Godina Wallagga bahaa aanaa Eebantuu magaalaa Hindeetti Goototni Barattootaa,Barsiisota,Hojjetoota waajjira Qonnaa Aanaa Eebantuu Uffata aadaa Oromoon miidhaganii akka aadaa Oroomootti haala seena qabeessa ta.een walitti dhufuun bakka tokkottisirna howaa miidhagaa fi seena qabeessa ta.een Amajjiin 1 kabajamee ooleera.
    Sirni kabajaa ayyaan WBO kana kan kabajan gootota barattoota Oromoo mana barumsaa hindee, barsiisota mana barumsaa hindee fi miseensota waajjira Qonnaa aanaa Eebantuu ti.
    Ergamtootni diinaa sirna kabajaa ayyaana WBO kana gufachiisuuf Ajajaan humna poolisaa aanaa Eebantuu Mokonnon
    Raggaasaa jedhamu humna oolisaa itti bobbaasee ture. Goototni barattootaa fi Barsiosotaa himna diinaa kana facisanii ofirraa deebisaniiru.Erga sirni kabajaa ayyaanaa kun taawwateen duubatti poolisootni sabboontota baratoota Oromoo qabuuf humna Qaween bobbaan ofirraa itisuuf Gooticha barataa Oromoo kun PolisaS adii 3 Billaan
    Waraanee ofirraa deebiseera Poolisoonni waraanamte kun yeroo ammaa mana yaalaa Hospitaala Jiddaa Ayyaanaa fi Hospitaala Leeqaa Naqqamte ciciisaa jiru. Barataa tarkaanfii kana fudhate
    humna waraana Wayyaanee qabee mana hidhaa aanaa Eebantuu keessatti alkanii fi guyyaa furii itti dabruun reebichaan hiraarsaa jiru.Lubbuun isaa akkamalee miidhamtee jirti.Sabboontotni Oromoo aanaa Eebantuu keessatti argamani gochaa diinummaa poolisoonni Ummattaar fi barattoota irratti raaweataa turanii fi amma barataa kana irratti mana hidhaa keessatti raawwatamaa jiru mormii fi balaaleffachuun juniors mormii ba.anii Ajajaan Poolisaa aanaa Eebantuu Mokonnoon Raggaassaa akka nurraa ka.u jechuun gaafataa jiru.Barataa hidhame akka hin nyaannee fi hin dhugne midhaanii fi bishaan dhorkanii akka poolisoonni mana hidhaa keessatti yakka irratti dalagaa balaalleffachuun akka nyaatni seenuuf dhiibbaa fi gaaffii isaa ummatni irratti geggeessaa jira.

    Dhaamsa barattootnii, barsiisotni, sabboontotni Oromoo aanaa Eebantuu dhaamatan,
    Hidhamuu fi reebamuurra dabree ajjeefamnullee QB irraa hanga bilisummaatti hin dhaabbannu! Jedhaniiru.

    Barsiisotaa fi barattoota, Sabboontot Oromoo mana barumsaa Hindee Eebantuu irraa
    Injifannoo Ummata Oromoof!

    barsiisotaa Nuti uffata adaa Oromoo uffannee ayyaana waggaa bara haaraa kabajaa jirra malee yakka ykn badii biraa hojjetne hin qabnu jechuun yaada isaanii ibsatan.Haala kanaan poolisoota sirna kabajaa attains kanaatti gufuu ta.uun diinummaa isaanii mirkaneessuuf qawween isaanitti bobba.e ofirraa faccisuun Poolisa sadii 3 Cuubeen ykn Billaan waraananii humna poolisa kaanii ofirraa deebisuun gootummaan ayyaana WBO kabajataniiru!

  2. Qawwee koo nan hirkise malee nan gurgure miti. Kan ani jedheef hawaasni keenya har’a ykn bor garbummaan baraa baraa kun nu irraa kufa jedhee callisnaan waan inni rafe itti fakkaatee jarri saamicha jalqabde. Uummatni keenya dargaggeessa. Humnas namas qaba. Dhagaa walitti darbachuu akka irra hin jirres beeka. Lamuu hin gowwomu! IUOF!

Leave a comment