Amajjii 06,2013 Mattuu
Gaafa Amajjii 04 fi 05,2013 Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Baddaallee fi Magaalaa Baddaallee, Dhiddheessaa, Cooraa, fi Huruummuu keessaatti diddaan Ummataa Jabaatee itti fufe. Sababiin diiddaa ummataa kaase keessaa dabballoonni Wayyaanee maqaa walgahii dhimma nageenyaa fi buusii hidhaa laga Abbayyaa jedhuun ummata walitti qabuuf yeroo yaalanitti ture.
Hidhaa laga Abbayyaa sababa jedhuun daldaluu fi ummatas hiraarsuun yeroo muummicha ministera duraa Mallas Zeenaa lubbuun jirutti ture kana booda waayeen hidhaa laga Abbayyaa ololaa fi karoora dulloomaa waan ta’eef isin hin dhageenyu jechuun ummanni dabballota Wayyaanee irratti ka’uu gabaasi Qeerroo godinicha irraa nu gahe addeessa.
Kana malees dabballoonni Wayyaanee miseensota OPDO ta’anii dammaqiinsa eenyummaa fi siyaasaa hin qabne yaadota dulloomaa mootummichi ittiin ummata bitaa jiruun karoora Mallasaa bakkaan geenya sababa jedhuun ummata hiraasan iyyuu ummanni naanncha garuu karoorri Oromootaa kan bilisummaa fi walabummaa dha jechuun harkatti didaa akka jiran qeerroon gabaasa.
Naannuma kanatti Amajjii 4,2013 irraa egalee Waraqaan Waamichaa FDG Qeerroon qopheessee magaalaa Baddaallee aanaa Baddaallee, Dhidheessaa, Cooraa, Hurruummuu, Mattuu, Yuunivarsiitii Mattuu fi Koolleejjii barsiisotaa Mattuu keessaa facaafamuu egalee jiraachuu Qeerroon godinichaa gabaasee jira. Ibsa waraaqaa qeerroo kana keessaattii barreeffaamonnii baratootni Yuunivarsiitii Finfinnee badii tokkoo malee ukkaaffamaa jiruu haa hiikamaan, gochaa baratootaa Oromoo Finfinneef mootummaan Wayyaanee gaafatamaadha, gaaffiin ummataa Oromoo deebii haa argatu, dargaggoonnii Oromoo fi uummaannii Oromoo hundii baratootaa Yuunivarsiitii Finfinnee dararamaa Waayyaanee jala jiraaniif haa dirmannuu garbummaa waloon nutti fe’amee waloon of irraa haa buusnuu jedhuu kan of irraa qabuu, Qeerroon ummataa qaqqabsiisaa jiraachuu addeessa.