Amajjii 03,2013 Hawaasaa
Barattoonni Oromoo mooraa hawaasaa Yuniversiitii kaampaasii hoospitaala Riferaalaatti argaman sagantaa Anaa Dhufuu barattoota haaraa bara kana mooraa Hawaasaa University tti dabalamaniif qophaa’e sababeeffachuun guyyaa eengaddaa Amajjii 1/2013 haala’ oo’an kabajaniiru. Ayyaanicha irratti faaruun tokkummaa sagantaa dungoo qabsiifannaa irratti barattoonni martinuu harka walqabachuun faarfatanii jiru.Saganticha irratti walaloon ,sirboonni goototaa fi jaallewwan oromoo faarsan hedduun sagantaan qophaa’e kan lammii boonsu kan diina garaa bobeessu ta’ee mul’ate.Qerroon barri kun kan tokkummaa ,kan jaalalaa , kan dagaaginaa, kan in jifannoo fi kan ummanni Oromoo itti walaboomu akkasumas biyyi Oromiyaa itti bilisoomtu akka ta’uuf ibsa ejjannoo qaban walhubachiisanii jiru. Barattoonni oromoo furtuun rakkoo ummata oromoo humna barate ta’uu qaba jechuun dhaadannoo isaanii dhageessifatanii jiru. Farreen ilmaan oromoo hedduun sagantichi akka fashalaa’uf tattaaffii barbaadan godhan illee sagantaanqophaa’e fashalaa’uu hin dandeenye.dhadannoolee qeerroon guyyaa kaleessaa dhageessisan keessaa;
OBSI CUNQURFAMOOTAA ROORROO WARRA ISAAN CUNQURSANIIT GABBISA!!
DIDDAAN GABRUMMAA HANGA BILISUMMAATTI!!
QABSAA;AAN DU’US QABSOON ITTI FUFA!!
TOKKUMMAAN JIRAANNAN GABROOMSAAN NI KUFA !!
HIDHAMUU FI DARARAMUUN ILMAAN OROMOO YOO NU JABEESSE MALEE NU HIN LAAFFISU.!!
Dhaadannoolee kanniin kan dhageessisan qeerroon mooraa hawaasaa universiitii kutannoo fi murannoo bilisummaa oromiyaa fi walabummaa ummata Oromoof qaban argisiisufi. Ummanni Oromoo waan ofii haa beeknu , of haa barru,walumaa galatti rakko jiru mariin haa furru yaada jedhu akka dhaamsatti barattoota haaraf dabarsanii jiru.