Qeerroon Yuniversity Wallaggaa Guyyaa WBO Kabajatan.Gumaacha Maallaqaas Qabsoo Bilisummaa Oromoof Galchan

Amajjii 03,2013 Naqamte

Amajjii 1,2013 Bara Haraawaa Ayyaanaa guyyaa WBO ilaalchisuun Yuunivarsiitii Wallaaggaatti Sabboontotni baratootni Oromoo fi IlmaanOromoo haala miidhagaan guyyaa WBO kana Magaalaa Neqemtee fi Mooraa yuunivarsiitii Wallaaggaa keessaatti kabajatan, sabboontotni Oromoo mummee (department)garaagaraa irraa walittii dhufuun haalaa qabsoo bilisummaa Oromoo ABO’n durfamuu irraatti marii guddaa gochuun qabsoo bilisummaa Oromoo ABO’n durfamuu fi bilisummaa saba keenyaaf kutannee ni kaanaa jechuun waadaa isaanii haroomsatan.

Guyyaa Ayyaanaa WBO Kana sababbeeffaachuun Saboontotni baratootaa Oromoo Maadhee Oliiqaa Diingil garee ‘A’ fi ‘B’fi maqaa maaadhee ”Qeerroo qeerraansaa Biyyaa” jedhamaan jalaattii hundeeffaamanii jiraan, Amajjii 1/2013 walittii dhufuun dhiimmaa qabsoo bilisummaa Oromoo irraattii marii gochuun, karaan tokkichii karaan Oromoon ittiin Mirgaa hiree isaa murteeffaachuu danda’uu tokkumaa, beektotni Oromoo kallaattii garaagaraan ilaalchaa Siyaasaa maqaa Ummataa Oromoo golgaaa godhatee, qabattaanii hin deemiinaa, karaan tokkichii Addaa Bilisummaa Oromoo ABO(OLF] ta’uus hin dagatiinaa, ABO duukaa dhaabbaannee Bilisummaa sabaa keenyaa ni mirkaneessinaa jechuun, madheewwaan kun jajjaabinaa Qabsoo bilisummaa Oromoof kan oluu buusii maallaqaa qarshii 400 walittii qabachuun gumaachaa qabsoof taasisaan. FDG garbummaa biyyaa keessaatti qeerroon gaggeeffaamaa jiruus jaabeesinee itti fufuun waanjoo garbummaa of irraa buusuu qabna jechuun dhaammachuun ayyaanichaa bifa adda ta’een kabajatan.

1 thought on “Qeerroon Yuniversity Wallaggaa Guyyaa WBO Kabajatan.Gumaacha Maallaqaas Qabsoo Bilisummaa Oromoof Galchan

  1. Akkas malee sanyiikoo! Jabadhaa wal ha jajjabessinu.Yeroo nuti yaada tokkoon akkanatti wal taane bu’aa ta’e agarsiifnu diinni keenna hidhaansee itti lafata irreen ishees Ni dadhaba.

Leave a comment