Muddee 30,2012
Godina Wallaga lixaa aanaa Ayiraa keessatti diddaa mootummaa wayyaanee irratti jabaachaa dhufeen mootummaa wayyaanee waraana bobbaasuun dargaggoota oromoo dararuu itti fufe.Mootummaan wayyaanee dargaggoota oromoo naannoo kanaa yeroodhaa gara yerootti isin miseensa ABOti jechuun hidhaa kan jiru yoommuu tahu yeroo ammaa daran hammeessuun qorannoo fi hidhaan rakkisaa jira.Dargaggootni oromoo
1. Barakat Efreem
2. Taarikuu Abarraa
Jedhaman hojii dhabdummaan rakkachuu irra darbanii mootummaan wayyaanee isin miseensa ABOti jechuun yeroodhaa gara yerootti rakkisaa jira.Mootummaan wayyaanee diddaa uummata irraa itti jabaachaa dhufeef walgahii ololaan uummata afaanfaajjessuuf kan karoorfates uummatni walgahii isaa lagachuun diddaa jabaa muisaa jira.
Haaluma walfakkaatuun mootummaan wayyaanee Godina Qeellam wallaggaa keessatti ilmaan oromoo isin waaraana ABO deeggartu jechuun rakkisaa jira.Mootummaan garboomfataa abbaa irree wayyaanee diddaa uummataa dura dhaabbachuuf yeroo mara hidhaa fi ukkaamsaan akkasumas doorsisaan kan itti jiru qeerroon yoomuu harka akka hin laanne addeessee jira.