Siifan lola Oromoo narra hin gortuu?

Goota Bara Baraaf  Yaadatamu EBBISAA ADUUNYAA

1 thought on “Siifan lola Oromoo narra hin gortuu?

  1. Gooti Oromoo dhugaa lammii isaaf jecha haga haarsaa lubbuu akka kafalaa turee fi jiru osoo Oromoon walkkaan isaa hubatee waa guddaa ture. Yeroo ijoolleen isaa akka loonii hoofamtee mana hidhaatti guuramtu dur dhaabbta ture. Qaboon uummata Afriikaa Kibbaa ANCtiin hoogganama ture yero sadarkaa bilchinaa irra gahe. Uummati gurrachi tokkumaan kahee humoota Aparthied dura dhaabbachuu qofa osoo hin taane sagalee tokkoon dhaamsa qabsaa’ota isaa dhagayee wal-dhageessisuun akka dhaabileen daldalaa qabeenya warreen Adii ta’anii irraa meeshaalee/tajaila isaani hin bitnee fi hin fayyadamne gochuudhaan warreen leellistoota sirna sanii turan illee dirqiin akka mootummaa Afriikaa Kibbaa yeroo sanaa mormaniif hiriirsani turan. Uummati Oromoos hojii salphaatti mootummaa gabroomfataa Tigree jilbeenfachiisu osoo qindoominaa fi gara kutannodhaan itti bobba’ee humna dinagdee gabroomfataa gargaarsa biyyoota alaa irratti hundaa’e kana laamshessuu ni danda’a! Meeshaalee dhaabileen Tigree fi deggertooti isaani hoomishan lagachuun, gara hundaan tooftaadhaan mootummaa sana irratti hoqqobi guchuudhan. Murannaan wanti hin dandayamne hin jiru addunyaa kana orrati!

Leave a comment