Godna Wallaggaa Aanaa Shebelii fi Yettii Keessatti WBO fi Uummati Wal Makatee Jira Sababaa Jedhuun Wayyaaneen Qonnaan Bultoota Hiraarsan

Muddee 25,2012 D.Doolloo

Godina Wallaggaa , aanaa Shebel fi lafa gammoojjii Meeraa jedhamee beekamu keessa WBOn sochii gochaa jira sabababa jedhuun humni waraana Wayyaanee heddumminaan naannoo Shebel qubachaa jiraachuu gabaasi Qeerroo naannicha irraa nu dhaqabe addeessa.

Gabaasi guyyaa kaleessaa addeessaa jiru gandoota Ashii,Shebel,Yattii fi Doollaa uummata jiraataan guyyaa 16f walgayii yaamamee hanga kana ummanni gara owuuruu isaa akka hin deemnee fi lafa walgahii yaamametti argamuu akka qabu diramaa jiraachuun ummaticha gara diddaa fi fincilaatti isa geessaa akka jiru hubatame. Dabalata gandoota kana keessa hidhataan Wayyaanee dhaa ganda tokko keessatti hidhataa hamma 150 oliitti ramadeetu jira kana malees bosona naannoo Yaanqii jedhamu keessa waraanni Wayyaanee buufatee uummanni qabeenya qabuu fi buna funaannatu dhiisee walgahii mootummaan yaame akka daqu dirqaa jira.

Waraana wayyaanee waliin taee kan walgahicha zoonicha irratti qindeessu nama maqaan P/Israael Fayyisaa jedhamu yeroo tau namni kun sababaa mishoomaa fi ABOn naannicha keessa sossoaa jira jedhuun duula jabaa godhee ummata hiraarsuu fi basaasuutti kan bobbae tauu beekama.

Gabaasaan haala kana ilaalu baldhaa waan taeef gara fuula duraa gabaafama.

Leave a comment