Dddaan Barattoota Oromoo Yuuniversitii Mattuu Itti Fufe

Muddee 24,2012 Mattuu

OromiyaGabaasaa Mattuu: Muddee 22/2012  FDG mooraa Yuunivarsiitii Mattuu bifa qindaa’een jabaatee kan itti fufee ta’uun gabaafamee,Baratootni Oromoo fi baratotni mooraa yuunivarsiitii Mattuu irraa barachaa jiran sirna barnotaa kan lammiilee biyyatii midhuu kan EPRDF’n gaggeeffaama jiruu mormuun FDG kaasuun mootummaa abbaa irree EPRDF balaaleffaachuu itti fufaan.Haaluma kanaan baratootni gaaffii isaanii keessaattii sirni EPRDF abbaa irree dha, sirni kun hundeen jijjiramuu qaba, sirna barnotaa sirnii kun ittin lammilee biyyatii midhaa jiruu ni balaleffaanna, hin fudhannu, sirni kun sirna fallaa dimookiraasii dhaabbatee, ani dimookiraatawwadha ofiin jedhuu waan ta’eef  ololli maqaa dimokiraasiitiin ofaamuu sirni kun dhaabuu qaba jechuun gaaffiin baratotaa irraa hoggantotaa mooraa Yuunivarsiitii Mattuuf dhiyaate, qaamni ol aanuu dhufee deebii akka itti kennuu tasifna jechuun baratootaa sossobuuf yaalaan illee hangaa gaffiin keenyaa deebii hin argannettii nuti hin barannuu jechuun baratootnii diddaa isaanii cimsan.

Kana malees baratotni mooraa yuuniversitii Mattuu kun rakkinaa nyaataa gahaa fi qulqullinaa qabuu dhabuun dhukkubotaa garaa kaasaatiin qabamanii rakkoo hamtuu keessaa kan jiraan ibsuun du’aa boodaa jireenyii keenyaa maaliidhaa jechuun mirgaa keenyaa fi mirgaa saba keenyaaf falmaannee abbaa irree of irraa buusuu qabna jechuun qeerroowwaan baraatotaa Oromoo sagalee mormii walittii fufinsaa qabuu dhageesisan,

Yeroo ammaa kana rakkinaa hamaa isaan mudatee jiruu irraa ka’uun baratootni yuunivarsitii Mattuu irraa barachaa turaan tokko tokko barnotaa dhiisaanii gara maatii isaaniittii deebii’aa jiraachuun beekamee jira. Kanaa biraan sirni abbaa irree Wayyaanee fi EPRDF’n gaggeeffamuu sochii baratootaa kanattii rifachuun humnaa waraanaa isaa garaa mooraa yuunivarsiitii mattuu nanneessuun egaa kan jiruu ta’uun gabaafamera, guutummaan magaalaa mattuus yeroo amma kana dirree waraanaa fakkaattee kan jirtuu ta’uun hubatame jira,

Leave a comment