Muddee 22,2012
Godina Jimmaattii Poolisotni sirna Wayyaanee, Waraqaa Waamichaa FDG Qeerroon Godina Jimmaa keessatti uummataaf tamsasee jiruutti rifachuun akka Godinaatti walgaa’ii Poolisotaa hoggaantotaa komishinii Poolisii godina Jimmaatiin magaalaa Jimmaa mana barumsaa Jireen sadarkaa 2ffaa fi Piriipaaraatoorii keessaatti gaggeeffamaa jiruu irraatti Poolisonnii Oromummaa isaaniin amanaan ilaacha ABO qabdu, waraqaale FDG magaalotaa fi manneen barnootaa keessatti tamsaaa jiru tohachuu hin dandeenye, poolisoonni waan kana keessatti qooda qabdan ni jirtu jechuun doorsifamaa akka jiran gabaasi naannicha irraa nu gahe addeessa.
Mootummaan EPRDF muddama keessa seenuun pooliisotaa aanaa fi godinaalee Oromiyaa irraa jiraan osoo hin hafiin dhiphisaa jiraachuun gabaafamee jira. Karaa biraa gaggeesitoni walga’ichaas poolisoota godinaan akka jedhani itti dhadatanitti, yeroo ABO’n waraqaa nurraatti bittimsuu fi ummataaf baldhinaan raabsu kanatti isin poolisoonni mootummaa eeguuf mindaan isinii kafalamaa jiru maal eegaa akka jirtan mootummaan wallalee bitaa itti galee waan jiruuf poolisoota keessa kanneen ABO waliin hidhata qabdan ni jirtu jechuun dorsisaa akka turan madden keenya addeessu.
Kun kanaan osoo jiruu Qeerroon waraqaa wamichaa FDG garbummaa magaalaa Jimmaa fi Aanotaa Godinaa Jimmaa jala jiraan hundaa keessaattii maxxaansuu itti fufee jiraachuu Qeerroon godina kanaa beeksisu.
