Muddee 22,2012 Finfinnee
Godina Gujii aanaa Booree magaala Booree keessatti shirri mootummaa Wayyaanee uummata Sidaamaa fi Oromoo walitti buusuuf shire tokkummaa uummataan fashale.Mootummaan Wayyaanee tokkummaa fi gamtaa ilmaan Oromoo fi Sidaamaa qaban irraa sodaa guddan kan isa qabate yoommuu tahu uummata lameen walitti buusuuf shira guddaa hojjechuu irratti argama.Gaafa Guyyaa Mudde 18/2012 magaala Buree keessatti dhalata Oromoo kan tahe konkolaataan konkolaachisaa lammii sidaamaa taheen wayita rukkutamutti mootummaan Wayyaanee milishoota bobbaasuun kun maaliif tahuu dandaa?,Akkamiin tahuu dandaa?,Warreen Sidaamaa uummata Oromoo jibbanii malee kun waan tahu miti olola jedhu oofsisuun walitti buusuuf yaalii jabaa taasisee jira. Ilmaan Oromoo fi Sidaamaas nuyi tokkuma,Rakkoon keenyas rakkoo garbummaati malee dhimma walitti
buunuuf hin qabnu jechuun maanguddootaan dubbii fixatanii jiran.
Wayyaaneen yeroodhaa gara yerootti tokkummaa uummata biyyattii keessaa diiguuf uummata nagaa walitti buusaa kan ture yoommuu tahu godina Oromoo aanaa Nyangaatom keessaa beeylada 1000 ol saamaman uummata Oromoo Booranaa fi Gujiitu isin jalaa saame jechuun uummata lameen walitti buusuuf olola oofaa jira.Uummatni lameen walitti buinsa kamuu kan hin barbaanne yoommuu tahu beeyladoota kanneen uummata Keeniyaatu ceee fudhate yoo tahe malee uummatni Oromoo hin fudhanne jechuun mormaa jiru.Walumaa galatti shirri mootummaa Wayyaanee tokkummaa uummataan fashalaa kan jiruu fi uummatni shira Wayyaanee hubachuun nagaan akka jiraatan qeerroon dhaamsa kan dabarsuyoommuu tahu uummata Oromoo fi Beenishaangul Gumuz nagaan waliin yeroo dheeraaf jiraate wal waraansisaa turuun isaa ni yaadatama.