Muddee 20,2012 Dirree Daawaa
Qaalainsi jireenyaa biyyattii keessatti uummata rakkisaa jiru yeroodhaa gara yerootti hammaachaa deemee jira.Mootummaan Wayyaanee gibira humnaa ol uummata irraa funaanu dhimma siyaasaa ittiin gaggeessuu irraan darbee yeroo miindaan hojjettoota mootummaaf kaffalu baayee gad aanaa dha.Gaaffiin dabalinsa miindaa fi gibira madaalawaa kaffaluu yeroodhaa gara yerootti gaafatamaa dhufuun yeroo ammaa kana jabaachaa dhufee jira.
Yuunivarsiitii Dirree Dawaa keessatti barsiisotni Engineering fi Technolgy baayinaan 30 ol tahan gaaffii dabalinsa miindaa gaafatan.Gaaffii isaaniis gamtaan Pirezedaantii Yuunivarsiitichaatti kan beeksisan yoommuu tahu deebii hatattamaa guyyaa shaman kana
keessatti hin argannu taanaan hojii dhaabna jechuun beeksisanii jiran.Mooraa Yuunivarsiitii Dirree Dawaa keessatti hojjettootni mootummaa marti gaaffiin gaafatame gaaffii mirgaa fi nuyis cinaa dhaabbanna jedhanii jiran.Mootummaan wayyaanees gaaffii mirgaa hojjettootni gaafatan irraan kan baarage hojjettoota amalaan qabachuu yaalus nuyi waan itti jiraannu dhabne jechuun hojjettootni diddaa jabeessanii jiran.
Haaluma wal fakkaatuun Yuunivarsiitii Dirree Dawaa keessatti diddaan barattootaa dhalate.Mootummaan wayyaanee yeroodhaa gara yerootti baajata dhimma barnootaaf ramadamu hojii siyaasaaf oolchuu waan jabeesseef barattootni gamtaan gaaffii gaafatanii jiran.Baajatni nyaataa ramadamu dhimma siyaasaaf ooluu hin qabu,Nyaatni barattootaa qulqullummaa kan eeggate tahuu qaba jechuun gaafatanii jiran.Rakkoo wal fakkaataan barattoota Yuunivarsiitii Mattuu,Debre Markos,Amboo,Jimmaa fi Yuunivarsiitii Aksum mudatee waan jiruuf gaaffiin mirgaa itti fufee jira.Mootummaan Wayyaanees gaaffiiwwan
mirgaa gaafataman dura dhaabbachuu dadhabuun humna waraanaa fayyadamuun ukkaamsaa jira.