Muddee 20,2012 Hawaasaa
Sochiin dargaggoota Oromoo fi Sidaamaa Godina Sidaamaa aanaalee gara garaa keessatti cimuu fi barruuleen warraaqsaa heddumminaan ummata dhaqabuu irraan kan ka’e mootummaan Wayyaanee baaraga keessa seenuun gaaffii mirga saboota cunqurfamoo biyyatti keesssa jiru ukkaamsuuf jecha dargaggoota adda durummaan sochii waarraaqsaa qindeessaa jiru ykn keessatti qooda fudhattan jechuun jumulaan hidhaa akka jiru gabaasi Qeerroo naannicha irraa addeessa.
Akka kanaan Muddee 19 fi 20 2012 aanaalee gara garaa keessaa dargaggoota seeraan ala hidhuun mana hidhaa magaalaa Hawaasaa keessatti dararaa akka jiru beekame. Hanga ammaatti kenneen hidhaman keessaa :-
| Lakk | Maqaa | aanaa | Hojii | saba |
| 1 | Ob. Daanieel Raggaasaa | Harbegooraa | Qotee bulaa | Sidaamaa |
| 2 | Darg. Taammiraat shawulaa | Harbegooraa | Hojjetaa mootummaa | sidaamaa |
| 3 | Darg.Burqaa Buuraa | Harbegooraa | Hojjetaa mootummaa | oromoo |
| 4 | Darg. Muliyyee Muudee | Harbegooraa | Hojjetaa mootummaa | Sidaamaa |
| 5 | Darg.Harroo Harqaa | Harbegooraa | Hojjetaa mootummaa | Sidaamaa |
| 6 | Ob. Kabbadaa Tuunnoo | Harbeegooraa | Qotee bulaa | Sidaamaa |
| 7 | Ob. Weqee Debessaa | Harbegooraa | Qotee bulaa | Sidaamaa |
| 8 | Ob. Asaffaa Beekaa | Harbegooraa | Hojjetaa mootummaa | Oromoo |
| 9 | Ob.Wandimmuu Kabbadaa | Harbegooraa | Qotee bulaa | Sidaamaa |
| 10 | Ob. Dugunaa Dummaaraa | Harbegooraa | Qotee bulaa | Sidaamaa |
| 11 | Ob.Taammiraat Tannaa | Harbegooraa | Qotee bulaa | Sidaamaa |
| 12 | Ob.Goobanaa Godaanaa | Harbegooraa | Qotee bulaa | Oromoo |
| 13 | Ob.Baqqalaa Lukkuraa | Harbegooraa | Qotee bulaa | Sidaamaa |
| 14 | Ob. Birraa Duuressaa | Harbegooraa | Qotee bulaa | Oromoo |
| 15 | Ob.Taammiraat Tabuta | Harbegooraa | Qotee bulaa | Sidaamaa |
| 16 | Ob. Araggaa Alamuu | Baalsaa | Kaabinee wayyaanee kan ture | Sidaamaa |
| 17 | Ob.Gennalee Naaree | Baalsaa | Kaabinee wayyaanee kan ture | Sidaamaa |
| 18 | Ob. Dukkaalee Laammisoo | Hawaasaa | Dura taaaa waajjira qonnaa kan ture | Sidaamaa |
| 19 | Ob. Iyyaasuu Raggaasaa | Hawaasaa | Hojjetaa fannoo diimaa magaala Hawaasaa kan ture | Oromoo |
| 20 | Ob. Girmaa Kachaaraa | Harbegoonaa | Qotee bulaa | Sidaamaa |
Kanneen kana ta’uu gabaasi Qeerroo naannicha irraa addeessa.