Diddaa Barattootaa Dura Dhaabbachuuf Jecha Mootummaan Wayyaanee Yuunivarsiitii Finfinnee Waraanaan Tiksaa Jira.

Muddee 19,2012 Finfinnee

Yuunivarsiitii Finfinnee keessatti diddaan barattootaa jabaachuu irraa kan ka’e mootummaan Wayyaanee waraanaa fi tika hedduumminaan bobbaasuun barattoota doorsisaa jiraachuun beekame. Barattoot biyyattii barnoota xumuranii hojii dhaban irra darbee barattoota Yuunversitii dhaa baratan mooraa yuunivarsiitii keessaa arii’uun gowwoomsee waraana fi tiksan
taasisuuf shira xaxaa jiru keessaa inni guddaan qabxii darbinsaa kennamu murteessuu dha.Kunis qulqullina barnootaa dahoo godhachuun mootummaa Wayyaaneen tarkaanfatamaa kan jiru yoommuu tahu barattootni Yuunivarsiitii waraqaa iyyannoo fi waamichaa bittinsuun gamtaan bittaa garbummaa jalaa bahuuf diddaa itti fufanii jiran.

Yeroo dhihoo kanaa kaasee mootummaan wayyaanee waraana federaalaa guyyaa dilbataa fi sambataa mooraa yuunivarsiitii finfinneetti naanneessuun kan tiksuu fi basaastotaa fi tika mooraa keessa seensisuun sakatta’insaa fi doorsisaan barttoota rakkisaa jira.Mootummaan Wayyaanee qabxii barnootaa akkaataa iskeelii qabxii barattootni itti fidaniin kennamu jijjiiruun barattoota qabxii 85 ol fidan ”A”, kanneen 75 ol fidan ”B” fi kanneen 60 fidan ”C” kennuun barattoota 80% ol tahan mana barnootaa keessaa arii’uun hojii dhabdummaa biyyattii keessaa rakkisaa jiru irratti hirkattummaa ida’uun dargaggoota rakkoo keessa buusuuf karoorfate barattootni gamtaan dura dhaabbachaa jiran.Mooraa yuunivarsiitii Finfinnee kiiloo 6 keessatti barattoota irratti sakatta’insi gaggeeffamu hammaachaas dhufuun galgala uummatni naannoo kanaa fi Piyaasaa kana waliin wal qabachuun sakatta’insaan hojii irratti dhiibbaan addaa isaan irratti dhufaa jira.

Leave a comment