Dargaggoonni Sidaamaa fi Qeerroon Warraaqsa Gamtaan Qindeeffatan Itti Fufuun Fincila Kaasan

Muddeen 19,2012 Harbegooraa

Mootummaan Wayyaanee uummattoota Impaayera Itoophiyaa keessaa mara abbaa irrummaan akka bulchaa jiru beekamaa dha.Sabawwan cunqurfamoo biyyattii keessaas yeroodhaa gara yerootti gaaffiiwwan mirgaa kaasuun mootummaa Wayyaanee muddaa turuun ni beekama.Naannoo uummattoota kibbaa keessatti sabawwan cunqurfamoo sidaamaa Qeerroo waliin tahuun abbaa irrummaa bara baraa kana hundeen buqqisuuf hojii erga jalqabanii as gaaffiiwwan mirgaa kaasuun mootummaa Wayyaanee muddaa jiru.Godina Sidaamaa aanaa garaa garaa keessatti dargaggootni sidaamaa Qeerroo waliin tahuun nuyi bilisummaa barbaadna,mootummaan abbaa irree Wayyaanee nu bulchuu hin qabu,hojii dhabdummaa fi qaalainsi jireenyaa biyyattii keessaa haa dhaabbatuu fi k.k.f kaasanii jiru.Dargaggootni Sidaamaa magaala Hawaasaa fi aanaa Harbegooraa keessatti dhaadannoowwan afaan Oromoo fi sidaamaan barreeffaman hedduumminaan maxxansanii jiran.Dhaadannooleen kunneenis

1. MOOTUMMAAN WAYYAANEE GARBOOMFATAA DHA!( “WOYAANETE GASHSHOOTI FUGGOOTENNA GAWAJJOTE GASHSHOOTEETI!”)

2. Gaaffiin mirgaa uummataa haa deebiu! (DAGATE MAFITETE XA’MO RAHOTENNI HIGGO!)

3. Lagni abbayyaa hidhamuun gaaffii uummataa hin dhaabu!( ABAYI KONFOONNI DAAFO DAGATE XA’MO DI UURRITANNO!

4. Mootummaan dhimma amantii keessa seenuu haa dhaabu!( ” HAYIMAANOOTETE GIDDORA CA’U YEE E”A UURRITO!”)

5. Gaazexeessitootni biyyattii keessaa hidhamuun haa dhaabbatu!( ” MANGISTE GAAZEEXA QIXXEESSANNO MANNA USURA UURRISSO!”

6. Gaaffii bilisummaa kanneen kaasan shorokeessitoota miti!( “KEERANCHIMMATE OLANTANNORI GOBBA HUNTANNORE DI IKKITINO!”)

7. Gaaffiin Hawaasa musliimaa gaaffii mirgaati!( ISLAAMU XA’MO BAALUNKU XA’MOOTI!”)

8. Mallasaan abbaa Kaayyoo osoo hin taane abbaa irree dha.( “MELLESSE AJUUJAAMMO IKKIKKINNI HANAAQAAMOHO!”)

9. Sirni Dimokiraasii dhugummaan haa mulatu!( DEMOKIRAASIYAAWE GASHSHOOTE ABBATE SHARRAMEEMMO!”)

10. Hidhamtootni siyaasaa haal duree tokko malee haa hiikaman!( “POLETIKU USURAMAANO TIDHDHANTO!”)

11. Saaminsaa fi malaammaltummaan haa dhaabbatu!( ” MUSINNUNNA GAWAJJO UURRITO!”)

Kanneen jedhan Godina Sidaamaa aanolee garaa garaa keessatti kan maxxanfaman yoommuu tahu dargaggootni sidaamaas walitti dhufuun bulchinsa aanaatti gaaffii bilisummaa kaasanii akka jiran gabaasi addeessa.

Mootummaan Wayyaanees gaaffii mirgaa sabawwan cunqurfamoo biyyattii keessaa dura dhaabbachuu waan dhadhabeef ilmaan Sidaamaa tahan aanaa Harbegooraa keessaa Jumlaan mana hidhaatti guuree jira.Aanolee garaa garaa keessaa fi magaala Hawaasaa keessaas ilmaan Oromoo fi Sidaamaa mootummaan Wayyaanee adda durummaan adamsuu irratti argama.Aanaa Harbegooraa keessaa dargaggootnii fi qotee bultootni 30 ol kan mana hidhaa mootummaa wayyaaneetti naqaman tahuu qeerroon gabaasa.

Haala kana waliin wal qabatee qotee bulaa Obbo Daanieel Dassaaleny jedhaman reebicha jabaa irraan gahuun yeroo ammaa duaa fi jireenya jidduutti akka argamu gabaasi qeerroo addeessa.

1 thought on “Dargaggoonni Sidaamaa fi Qeerroon Warraaqsa Gamtaan Qindeeffatan Itti Fufuun Fincila Kaasan

Leave a comment