Hojjettooti Waarshaa Sukkaara Fincaa’aatii Gaaffii Mirga Oromoo Kaaftan Jechuun Hidhaatti Darbaman

Muddee 18,2012 Finca’a

Godina Horroo Guduruu aanaa Abbay Coomman waarshaa sukkaara Fincaa’aa keessaa kanneen hojjetan hojjettootni mootummaa dhimma malaammaltummaan yakkamuun mana hidhaatti naqaman keessaa ilmaan Oromoo kanneen tahan dhimma siyaasaan yakkamaa jiru.Mootummaan wayyaanee yeroodhaa gara yerootti sabboontota Oromoo irratti sababa sababa barbaaduun erga mana hidhaa galchee booda isin ABO beektu jechuun rakkisaa turuu fi itti jiruun isaa ni beekama.Yeroo ammaa kanas dhimma malaammaltummaa fakkeessuun ilmaan oromoo

  1. Girmaa Waayyuu itti gaafatamaa maachinery waarshaa
  2. Namee Galataa
  3. Jibriil

jedhaman hojjettoota habashoota tahan walii gala 6 tahuun kan mana hidhaa seenan yoommuu tahu dhimmi itti gaafatamummaa Oromoo kanneenii dhimma malaammaltummaa irraa maquun dhimma siyaasaa tahee jira.Hojjetaan waajjira sanaa dhalootaan Tigiree tahe Hagos Senay yeroo ammaa kana qoratamaa kan hin jirre tahuu fi ilmaan oromoo kanneen dhimma siyaasaan Maa’ikelaawwii keessatti hedduu rakkamaa jiraachuun gabaafamee jira.Yeroo dhihoo kana mootummaan wayyaanee mana isaanii irraa fuudhuun erga ukkaamsee booda gara Maa’ikeelaawwii galuun isaaniis beekamee jira.Maatiin ilmaan oromoo kanneenii yeroo ammaa kana rakkoo keessa akka jiran beekamee jira.

Leave a comment