Guyyaa /16/12/2012
Waajjira Pirezedaantii Yuunivarsiitii Arbaaminciif
Dhimmi isaa Deebii Hatattamaa gaafachuu ta’a.
Duraan dursinee Gaaffiilee kabajaan isinii dhiyeessinu kanatti bakka guddaa kennuun deebii hatattamaan akka nuu kennitan abdii qabna.
Kunis Gaaffiin Mirgaa barattootni Finfinnee gaafatan gaaffii ilmaan oromoo waanjoo garbummaa baachuu dadhabee ta’uu fi gaaffiin kun guutummaan guutuutti gaaffii barattoota oromoo yuunivarsiitii Arbaaminc kampaasii hundaa ta’uu ibsina.
Nuyi barattootni Oromoo yuunivarsiitii kanaas gaaffiileen armaan gadii kun hatattamaan akka nuuf deebi’an jechuun dhiyeessinee jirra.
1.Barattootni Oromoo,Dargaggootni Oromoo guutummaa guutuun ilmaan oromoo bara baraan maaliif mana hidhaatti guuramu? Yuunivarsiitii barnootaaf dhufan keessatti maaliif reebamu? Maaliif dhiphachaa jiraatuu?
2.Maqaa Waldaa Misooma Oromiyaa jedhuun maallaqni baay’een ilmaan oromoo irraa funaanamaa ture.Osoo piroojektiin jalqabame hin xumuramiin Maqaa hidha Abbayyaa jedhuun funaansi maallaqaa jalqabame.Kan Waldaa Misooma Oromiyaa eessa dhaqe? Osoo kan Waldaa misooma Oromiyaa hin xumuramiin maaliif kan kanatti gufuu ta’u uumame?
3.Yuunivarsiitiilee biyyattii keessatti baay’inaan kan dursu barattoota Oromooti.Kanaaf yuunivarsiitiilee keessatti afaan Hojii maaliif Afaan Oromoo hin taane?
4.Faalamni qabeenya uumamaa Oromiyaa,Saamichi lafaa maqaa investimentiinii fi biyya irraa arii’uun uummataa maaliif Oromiyaa keessatti qofaa xiyyeeffate?
5.Barattootni Oromoo barnoota isaanii xumuran maqaa COC(Center of competent) jedhamuun hojii akka hin qabanne danqamu.Kun Oromiyaa fi ilmaan oromoo qofaa irratti maaliif kan xiyyeeffate ta’e?
6.Dhaabbiileen barnootaa fi amantiin seera biyyattii keessatti bilisa akka dhiibbaa kam irraa bilisa akka ta’etti katabame.Garuu manneen barnootaa keessumaa bakkeewwan ilmaan oromoo baay’inaan argamanitti waraanaan eegama.Kun maaliif ta’e? Waan seera biyyaa jedhamee barreeffame hojii irra maaliif hin oolle?
7.Seera biyyattii keessatti naannooleen mirga of danda’uu hanga fottoquutti ni qabu.Kun maaliif hojii irra hin oolle?
8.Barattootni oromoo yakkaniis ta’e osoo hinyakkiin qabaman maqaa shororkeessummaan himatamu.Kun maaliif?
Walumaa galatti gaaffiileen armaan olii kun hatattamaan nuuf deebi’anii seerri biyyaas hojii irra waan hin oolleef mootummaan TPLF mootummaa sanyiin bulchu dargaggootni Oromoo ,ilmaan Oromoo cuftii fi sabawwan cunqurfamoo yoommuu ajjeefaman kan dhimma hin qabnee fi aangoo isaa dhiibbaa lammiilee Oromoo irratti uumuun galii guddifachaa jiraachaa kan turee fi itti jiru waan ta’eef hooggantoonni EPRDF aangoo gadhiisuun seeratti akka nuu dhiyaatan jechuun kabajaan gaafanna!
Nagaa Wajjiin!
Barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Arbaaminc
Galagalcha
Waajjira caffee Oromiyaaf
Dhimmoota Federaalaa Itoophiyaaf
Waajjira Bulchinsa Yuunivarsiitiilee Itoophiyaaf
Bulchinsa magaala Arbaaminciif
Qaama dhimmi ilaallatu maraaf