Muddee 17,2012 Jimmaa
Muddee 16,2012 Magaalaa Jimmaa keessaattii eebbii kitaabaa mataa dureen isaa TOKKUMMAA jedhuun Dr Takkalaa Oljiraatiin kan barreeffaamee barattoota Oromoo Yuniversity Jimmaa fi Kolleejjii barsiisota Jimmaa akkasumas ummata Oromoo magaalaa Jimmaa barnatti iddoo bashannanaa Aweetuu jedhamutti sirna howwaan eebbifame.
Sirna eebba kitaaba kanaa sababeeffaachuun goototni baratootaa Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa mooraa Afran[4] irraa baratan main cumbasii guddaa, mooraa Qonnaa [Agriculture] , mooraa Teekinologii fi mooraa Business and Economics fi Koolleejjii Barsisotaa Jimmaa irraa barataan walittii dhufuun addaatti sirbotaa qabsoo Bilisummaa Oromoo leellisaan kanneen akka” Qeerroo Lolii loli lolleetumaa gallaa xiiqii Rambaa rambaa godhii” jedhuu fi sirbotaa Ebbisaa Addunyaa ”Ani Barbaadee yaa sii dhabee garamjirtaa WBO kiyyaa, garam jirtaa Qeerroo kiyyaa, garamjirtaa goootaa kiyyaa” jechuun Qabsoo Bilisummaa Oromoo farsuun ummataaf barnotaa Guddaa dabarsaan.
Kana malees Artiistii kabajamaa fi beekamaan Adinaal Maamed lafa kanatti argamuun sirbotaa Warraaqsaas sirbuun ummataaf barumsi kenname, Artistii Adinaan sirbotaa akka michuu baay’een Qabaa lixaa biiftuutirraa dhamsaa koon naf gahii Oromotaa Maraaf jechuun Dargaggotaa fi Ummataaf sirbaa Oromummaa farsaa garaagaraa sirbuun ergaa guddaa dabarsee jira.
Karaa biraa addatti gareen hoggana Qeerroo godina Jimmaa waraqaalee warraaqsaa kan gaaffi ummata Oromoo ijoo ta’an of irraa qabuu fi mata duree waamicha FDG darbaru guutummaa maglaa Jimmaa keessa facaasuun beekame.
Hoggaansii Qeerroo murtii mannii murtii federaala EPRDF fi Wayyaanee murtii sobaa fi Loogdummaa sanyii irraatti hundaa’ee yeroo garaagaraattii ilmaan Oromoo irraattii murteessuun mana hidhaatti guruu cimsee balaleeffaachuun addattii immoo torbee darbee keessaa Ilmaan Oromoo Obboo Baqqalee Garbaa fi Obboo Olbaanaa Leellisaa fi namotaa sagal[9] isaan dukaa mannii murtii Waayyaanee murtii dabaa kan sanyuummaa fi loogduummaa irraattii hundaa’ee irraattii murteessee, jiruu qeerroon cimsee balaaleffaachuun, hidhaan, ajjeechaan, biyyaa irraa arii’atamuun, yoom iyyuu Ummataa Oromoo qabsoo bilisummaa isaa irraa duubatti deebisuu kan hin dandeenyee, ta’uu barruulee faccaasaniin beeksisanii jiru.