Qeerroon Yuunivarsiitii Amboo qabeenya Yuunivarsiitii guyyaa sabaa fi sablammii irratti badeef Wayyaanee gaafatama jala galchan.

Muddee 14,2012 Amboo

Mootummaan Wayyaanee yeroodhaa gara yerootti manneen barnootaa,tajaajilawwan fayyaa,ibsaa fi bishaanii kutuun uummata rakkisa.Barattootas qabeenya barbaadaa’uuf itti gaafatamummaa gochuun rakkisaa ture.Haalli kunis ammas jabaachaa dhufuun Yuunivarsiitii Amboo keessatti guyyaa sabaa fi sablammii foddaawwan galma yuunivarsiitichaa waraanni mootummaa wayyaanee barattoota oromootti seenee reebuuf caccabse barattoota oromoo itti gaafatamummaa gochuuf kurkuraa jira.
Barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Amboo guyyaa sabaa fi sablammii irratti waamicha qeerroo fi Miseensota KG DH.D.U.O irraa isaan dhaqqabe hiruun hirmaannaa isaanii kan dhaaban yoommuu tahu,wayyaaneen barattoota oromoo muraasa tahan bakka guyyaan ayyaana wayyaanee sabaa fi sablammii jedhamu kabajamu dhaqan isin diina jedhamuun waraanaan adamsamu.Barattootnis oromoos gara doormii isaaniitti karaa nagaan kan deebi’an yoommuu tahu waraannii fi tikni Wayyaanee barattoota Oromoo adamsuuf foddaa fi qabeenya Yuunivarsiitii caccabsee jira.Yeroo ammaa kana garuu bulchinsi Yuunivarsiitichaa mootummaa wayyaanee waliin harka walitti hidhachuun barattoota Oromoo isintu itti gaafatama,Foddaa fi qabeenya bade isintu kaffala,tarkaanfiin namuusaa isin irratti fudhatama,isin waan wal beektaniif wal baasaa jechuun barattoota oromoo rakkisaa jira.Barattootni nuyi balleessaa hin hojjenne,Waan nu hin barbaachisneef ayyaana irraa hafnee jirra,Kanneen dhaqnes wayita isin diina nu jettan doormiitti deebinee jirra waan taheef qabeenya badeef itti gaafatamummaa kan fudhatu wayyaanee tahuu qaba jechuun shira wayyaanee dura dhaabbachaa jiru.,

Leave a comment