Mana barumsaa Geedoo sadarkaa 2ffaa keessatti diddaan barattootaa jabaatee itti fufe.

Muddee 13,2012 Geedoo

Godina Shawaa lixaa aanaa Calliyaa mana barumsaa Geedoo sadarkaa lammaffaa keessatti ammas diddaan barattootaa itti fufe. Barattootni Oromoo garbummaa mootummaa Wayyaanee of duraa buqqisuuf wareegama jajjaboo kaffalaa kan turan yoommuu tahu yeroo ammas daran jabaachuun wareegama qaqqaalii kaffalaa jiru.Barattootni mana barumsaa Geedoos

  1. mootummaan wayyaanee nu hin bulchu
  2. Dura taa’aan barataa mana barumsaa(student council) filannoo barattootaan malee wayyaaneen tahuu hin qabu
  3. Yeroo hunda barattootni oromoo gaaffii mirgaaf hidhamuu hin qaban

Jechuun diddaa itti fufanii jiran.Mootummaan wayyaanee diddaa barattootaa dhaabuuf barattoota oromoo mana barumsaa irraa arii’us diddaan daran jabaatee jira.Mootummaan Wayyaanees diddaa barattootaa dura dhaabbachuuf barattoota doorsisaa jira.Waraanni Wayyaanee sakatta’insaa magaala kana rakkisaa kan jiran yoommuu tahu waraqaaleen waamichaa barattoota irraa darbee jira.

!

Leave a comment