Dargaggooti Oromoo Barnoota Yunversity Xumuratan Dabballoota ABO dha Sababa Jedhamuun Wayyaaneen Ukkaamfaman

Muddee 12,2012 Finfinnee

Godina Shawaa bahaa magaala Bishooftuu keessaa mootummaan Wayyaanee dargaggoota Oromoo maqaa dabballoota ABO jedhuun yakke qabuun gara mana hidhaatti darbe.

Mudde 10/2012 guyyaa keessaa saa 2:00 pm irratti dargaggootni Oromoo hoteela Baqqalaa Mollaa keessaa laaqana nyaachaa wayita jiranitti isin ABOtu isin erge,Qeerroo beektu jechuun tikni mootummaa Wayyaanee mana hidhaatti ukkaamsee fudhatee jira.Dargaggootni oromoo kunneen gara Finfinnee dhoksaan kan fudhataman yoommuu tahu bakka eessa akka jiran hin beekamu.Maatiin dargaggoota kanaa mana hidhaa maaikelaawwii gaafatanis mootummaan wayyaanee bakka jiran dhoksaa jira.Dargaggootni kunneen

1. Dargaggoo Wayyeessaa Guddataa Tuulii dhalootaan wallagga bahaa,sadarkaa barnootaa digirii management 2. Dargaggoo Abdu Mohaammed dhalootaan Harargee Mieessoo,sadarkaa barnootaa digirii 1ffaa accounting

Kan tahan yoommuu tahu yeroo ammaa bakka buuteen isaanii dhabamee jira.Dargaggootni kunneen hojii barbaaddannaaf gara Bishooftuu kan deeman yoommuu tahu mootummaan wayyaanee ilmaan Oromoo hojii dhabdummaan rakkisaa miseensota ABO ti jedhee hidhaa jira.

Leave a comment